Giddugalli Tursiisaa Yeroo Qilinxoo Shakkamtootaan garmalee guutame. Godina Lixa Oomootti lammileen Turkii daawwannaarra turan lamaafi shufeerri tokko hidhattootaan ajjeefaman. Ameerikaan biyyoota Iraan waliin daldalan irra taarifa %25 keesse. Kibba baha Suudaanitti haleellaa dirooniitiin namoonni 27 ajjeefaman. Gamtaan Eemireetota Arabaa, waliigaltee Somaaliyaa waliin qabdu adda cituu hordofee waraana isii Bosaasoo keessaa baafataa jiraachuun himame. Paakistaan,fi Indooneezhiyaan xiyyaarota waraanaa,fi diroonii wal Irraa bituuf waliigaltee mallatteessan.
