Pireezidaanti Tiraamp Mormii Minisoota Keessatti adeemsifamaa jiru dhaabsisuuf Humna Waraanaa fayyadamuuf doorsisan.

OFM:Amajjii.16/2026.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mormii farra ICE (Immigration and Customs Enforcement) Minneapolis, Minisootaa keessatti geggeeffamaa jiru dhaabuuf humna waraanaa fayyadamuun dirqama ta’uu akka danda’u akeekkachiisan.

Akeekkachiisni pireezidaanti kun kan kenname yeroo mormiinii fi walitti bu’iinsi hojii guddaa qaamolee raawwachiistoota immigireeshinii federaalaa magaalattii keessatti raawwatameen hammaateetti.

Tiraamp ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin; “Namoonni Minisootaa siyaasaa malaammaltummaan

guutaman, seera yoo hin kabajnee fi shororkeessitoonni ogummaa qaban qondaaltota ICE (I.C.E.) dirqama irra jiran irratti akka hin duulle yoo dhoorgan, seera finciltootarratti fudhatamu nan raawwadha” jedhan.

Akeekkachiisni pireezidaantichaa kun kan kenname yeroo torban darbe lammiin Ameerikaa Renee Goode eegdota Iigireeshiiniin ajjeefamuu isii hordofee magaalattii aarii guddaa keessa seenuun jiraattonni magaalattii mormii keessa jirutti.

Guyyoota darban keessas lammiin Veenzuweelaa tokko bakka buutota federaalaatiin rasaasaan itti dhukaafamee rukutamuu hordofee walitti bu’iinsa caalaatti hammeessee jira.

Bulchaan Minisootaa Tiim Walz pireezidaantichi haala tasgabbeessuu dhiisanii ”ibiddatti boba’aa dabaluu” jechuun qeeqaniiru.

Abbaan alangaa waliigalaa Minisootaa Keith Ellison akkasumas tarkaanfii pireezidaantichi humna waraanaa bobbaasuuf fudhatan kamiyyuu akka morman mana murtiitti dubbataniiru.

Yeroo ammaa kana Humnoonni seera kabachiisan federaalaa 3,000 ol ta’an Miniyaapoolis keessatti bobbaafamaniiru, kunis jiraattota biratti sodaa fi aarii guddaa uumeera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *