Barreessaa Ol’aanaa UN USA’n seerota idil-addunyaatii ol akka taateetti of ilaalti’jedhe.
OFM:Amajjii.21/2026.Barreessaa Ol’aanaa UN Antooniyoo Gutaarez, Ameerikaan gaafatamummaa malee socho’aa jirti, seerota idil-addunyaatii ol akka ta’etti of ilaalti jedhan.
Gutaarez gaaffii fi deebii BBC Radio 4’s Today, waliin tolchaniin Ameerikaan furmaatni gam-daneessaa faayidaa wayiituu akka hin qabne “dimshaasha ifa ta’erra” geesse jedhan.
Itti fufuun, ammaan tana “Ameerikaan gochaa kan jirtu humnaa fi dhiibbaa qabdu fayyadamuu, yeroo tokko tokko immoo duudhaa seerota idil-addunyaatti dhimma bahuudha” jedhan.
Gutaarez kana kan dubbatan Ameerikaan daangaa Veenzuweelaa cabsitee seenuun pireezidaantii biyyattii qabdee fuutee torbaanotaan booda yoo ta’u, amma ammoo Giriinlaand dhuunfachuuf yeroo dhaadataa jirtutti.
Gutaarez qajeeltoowwan UN irratti hundaaye- walqixxummaan biyyoota miseensotaa- ammaan tana balaa jala jiraachuu amanu.
Pireezidaant Traamp asiin dura UN akka qeequudhaan beekamu.
Yaa’ii waliigalaa UN Fulbaana darbee irratti “Ani waraanawwan dhumuu hin dandeenne torban ta’anin addunyaarratti dhaabsise, kana keessatti UN takkallee nan gargaarre” jechuun qeequun isaanii ni yaadatama.
“Boodarra wanti naa galle UN homaa akka nun fayyadneedha” jedhan.
Dhaabbanni biyyoota gamtoomanii miseensotni isaa seerota idil-addunyaa chaartarii UN’tiif akka bitamaniif carraaqqiin godhan qormaata guddaa itti uumuu himan Gutaarez.
Dhaabbanni biyyoota gamtoomanii “walitti bu’iinsawwan addunyaa guguddaa dhaabsisuuf “hirmaannaa babal’aa” godhe. Garuu, UN dirqamsiisuu hin danda’u, biyyoonni humna guddaa qaban garuu dirqamsiisuu danda’u jedhan.
Dhuguma ammoo walitti bu’iinsa hanga dhumaatti dhaabsisuun fala waaraa kaa’uuf carraaqqii dhumaa fayyadamaa jirra moo yerumaaf ibidda dhaamsuu? jedhanii gaafatu Gutaarez.
“Kanneen lamaan jidduu garaagarummaa guddaatu jira” jedhu.
Gutaarez UN rakkoowwan jajjaboo fi qormaatawwan akkasii biyyoota miseensota isaa 193 muudatan furuuf haaromsa isa barbaachisa jedhan.
“Kanneen humni seeraa, seera humnaatiin bakka buufamuu qaba jedhanii amanan jiru” jedhu Gutaarez.
“Dhuguma amma imaammata US yoo laalle, furmaatni gam-daneessaa akka faayidaa hin qabne, isaa ol humnaa fi dhiibbaa US fayyadamuu, altokko tokkommoo duudhaa seerota idil-addunyaa kabajuu guduunfaa jedhurra gahuu agarta” jedhan.
Manni maree nageennaa UN – akkaataa nagaa fi nageenna idil addunyaa tiksuun eegsisuun danda’amuun qixxaaye.
Garuu, addunyaan achi keessatti akka malutti bakka waan hin buuneef bu’a- qabeessa hin taane.
Miseensonni dhaabbataan tokkoon tokkoon – Firaans, Chaayinaa, Raashiyaa, UK, ykn US mirga sagalee sagaleen kuffisuu qabu.
Ameerikaa fi Raashiyaan immoo aangoo sagalee sagaleen kuffisuu kana fayyadanii carraaqqii addunyaa kanneen akka waraana Gaazaa, Yukireen dhaabsisuu bilaasha godhanii jiru.
Veton(sagalee sagaleen kuffisuun) dantaadhuma biyya dhuunfaa olaansuuf oolaa jira jedhan. Biyyoonni Awurooppaa sadi miseensa dhaabbataa mana marichaa ta’uus qeeqan.
Gurmaa’insi mana maree nageenbaa akka haaraatti ijaaramee “fudhatamummaan isaa deebi’uu fi addunyaaf sagalee ta’uu qaba, mirgi sagalee sagaleen kuffisuus daanga’uu qaba (wal dura dhaabbannaan akka hin jiraannef) jedhan Gutaarez.
Ministira muummee Porchugaal kan turan, Barreessaa Ol’aanaan UN ammaa Gutaarez UN hogganuutti kan dhufan bara 2017 yoo ta’u, barri hojiisaanii dhuma bara kanaa xummurama.
Guyyoota muraasa dura, Gutaarez, yaa’ii waliigalaa dhaabbatichaarratti UN rakkoo caaseffamaa akka qabu ibsuuf,”Tooftaan rakkoo furuu bara 1945 bara 2026 keessa rakkoo hin furu” jedhanii ture.
