Tiraamp hoggantoota biyyoota DRC fi Ruwaandaa waliigaltee nagaa mallatteessuuf jiran simachuufi.
OFM:Muddee.04/2025.Bulchitoonni Dimookiraatawa Rippaablika Koongoo (DRC) fi Ruwaandaa lola waggoota dheeraa naannicha keessa ture dhaabuuf waliigaltee nagaa mallatteessufi.
Kora waliigaltee nagaa Waashingtan DC kana Pireezidaant Donaald Traampitu qopheesse.
Kora kana dursee walitti bu’iinsi baha Dimookiraawatawa Rippaablika Koongootti (iddoo qabeenna uumamaan badhaate) humnoota mootummaa DRC fi riphee loltoota M23-kan Ruwaandaan deeggaramu jedhaman jidduutti hammaateera.
Waraanni DRC, riphee loltoonni M-23 adeemsa araaraa danquuf yaalii gochaa jiru jechuun himate.
Gareen M-23 gama isaaniin waraana mootummaatu haleellaa nurratti banee jedha.
Jalqaba bara kanaatti gareen M-23 baha DRC keessatti haleellaa gaggeesseen qabiyyee guddaa dhuunfatee ture.
Haleellaa san hordofee kuma hedduutti kan lakkaawaman kan ajjeefaman yoo ta’u, kaan heddun immoo qe’eerraa buqqa’anii turan.
Pireezidaantiin DRC Feeliks Shiseedeekii fi giti isaanii kan Ruwaandaa Pool Kaagaamiin waggoota darban yeroo hedduu wal arrabsaa turan. ‘Situ’ waraana kana eegaleerratti wal himataa turan.
Tiraamp Adoolessa darbe ministiroota dhimma alaa biyyoota lamaanii simachuun waliigaltee nagaa mallatteessanii turan. Akka injifannoo jabaattis jajee ture.
Miilana Shiseedeekii fi Kaagaamiin waliigaltee nagaa san Waashingtan DC’tti imaluun mallatteessuuf jiru.
Kora kanarratti, hoggantoonni biyyoota Afrikaa fi Arabaa, kan Buruundii fi Kaataar dabalatee ni argamu jedhamee eegama.
