Mootiin gonfoo Sa’udii Baarseloonaa fudhachuufi jedhame.

OFM:Muddee.15/2025.Mootiin gonfoo Sa’uudii Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaan Al Sa’uud kilabii kubbaa miilaa Ispeen FC Baarseloonaa fudhachuuf yaadaa akka jiran ibsamaa jira.

The Guardian gabaasa odeeffannoo gaazexeessaan TV El Chiringuito François Gallardo akkaawuntiisaa X irratti qoodede caqasee baaseen, ilmi mootii kun kilabicha bituuf dhiyeessii Yuuroo biiliyoona 10tti tilmaamamu qopheessaa jiraachuu ibse.

Tarkaanfii kun tarsiimoo Sa’uudii Arabiyaan fuula ispoortii idil-addunyaa keessatti mul’achuu isii babal’isuuf qabduufi gabaa kubbaa miilaa baha jiddugaleessaa daddammaqina kan agarsiisu akka ta’e dubbatama.

Gallardon akka jedhutti “gufuun jiru miseensota kilabichaa qofa,” sababiin isaas Baarseloonaan filannoofi murtee bulchiinsa tokko tokko irratti abbummaa waloo miseensota too’annoo qabataniin kan qabameedha. Akkasumas liqiin kilabichaa Yuuroo biiliyoona 2.5 akka caalu akeekeera.

Kilabichi doolaara biiliyoona 5.6tti kan tilmaamamu yoo ta’u, gareewwan kubbaa miilaa addunyaa gatii guddaa qaban shanan keessaa tokko kan ta’ee fi Maanchistar Yunaayitid fi Riyaal Maadriid’tti aanee duubaan sadarkaa sadaffaa qabatee kan argamuudha.

Tarkaanfiin kun adeemsa invastimantii Baha Jiddugaleessaa bal’aa kubbaa miilaa Awurooppaa keessatti mul’atu kan calaqqisiisu ta’uu taajjabdoonni dubbatu.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *