Waancaa Afrikaan har’a taphoonni mo’anii darbuu lama ni taphatamu.
OFM:Amajjii.05/2026.Waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Moorokoon gaggeeffamaa jiruun har’a taphoonni mo’anii darbuu lama ni taphatamu.
Galgala sa’aatii 1:00 jalqabee Ijipti Beeniin waliin taphatti.
Biyyoonni lamaan kana dura taphoota 3 waliin kan taphatan yoo ta’u, sadanuu injifannoo Ijiptiin xummurame.
Halkan sa’atii 4:00 eegalee Naayijeeriyaan Moozaambiik waliin morkatti.
Gareewwan lamaan taphoota waliin taphatan 5 keessaa Naayijeeriyaan 4 yoo injifattu, tokko qabxii qoodataniiru.
Taphoonni mo’anii darbuu kun guyyaa boruu akka xummuramus ibsamee jira.
