Biyyoonni 42 Haalli qabiinsa mirga Namoomaa Itiyoophiyaa keessatti daangeffamuun akka isaan yaaddesse jiru

Mootummoota Gamtoomaniif ibsan.

OFM:Fulbaana.15/2025-Biyyoonni Afurtamii lama (42) Itiyoophiyaatti bara dhufu Filannoo gaggeeffamuuf beellamame dura, kaasuun, uggura mirga bu’uuraa kaasuun haala mirgoota namoomaa irratti yaaddoo qaban Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif ibsaniiru.

Ibsa waloo biyyoonni kunneen kennaniin “haalli mirga namoomaa Itiyoophiyaa keessattuu daangeffamni mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu, karaa nagaa walga’uu fi waldaan gurmaa’uu irratti kaa’ame nu yaachisee jira ” jedhan.

Itti dabaluudhaanis “tarkaanfiin dhiheenna kana Dhaabbileen hawaasa siivikii irratti sodaachisuu fi ukkaamsuu dabalatee haalli Siiviikii dhiphachuu fi cufamuun yaachisaadha jedheera.

Biyyoonni kunneenis doorsisa miidiyaalee fi gaazexeessitoota walaba ta’an irratti yaaddoo qaban ibsuun, taateewwan kana irratti qorannoon iftoominaan akka gaggeeffamu gaafataniiru.

Namoonni mallatteessan kun gabaasa Waajjira Komishinara Ol’aanaa Mirgoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara 2024 baase “dhiibama mirga namoomaa hamaa fi dhiittaa qaamolee mootummaa fi mootummaa hin taaneen raawwataman akka gabaasu” eereera.

Barreessaa Ol’aanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Gabaasa bara 2025⁠tti waaʼee ijoollee fi Walitti bu’iinsa hidhannoo ilaalchisee baase eeruun, ajjeechaa ijoollee fi jeequmsa, qaama hirʼisuu, gudeeddii akkasuma butamuu dabalatee sarbamoonni ciccimoon daaʼimman irratti raawwataman baayʼee dabaluu isaanii” ilaalchisee yaaddoo guddaa akka qaban ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa fi qooda fudhattoonni biroo hundinuu dhiittaa mirga namoomaa fi dhiittaa naannoowwan waldhabdeen miidhaman, Amaaraa, Oromiyaa, fi Tigraay dabalatee muudataa jiru dhaabuuf tarkaanfii qabatamaa akka fudhatan waamicha dhiyeessaniiru.

“Ajjeechaa fi qaama hir’isuu namoota qulqulluu, dararaa, haala namummaa hin qabne, dirqiin dhabamsiisuu, fedhii malee hidhaa fi haleellaa bu’uuraalee misoomaa namoota qulqulluu irratti raawwatamuu, fi jeequmsa gudeeddii fi koorniyaa hamaa” qooda fudhattoota adda addaatiin raawwatamaa jiru hatattamaan akka dhaabbatu gaafataniiru.

Biyyoonni kunneen aanga’oonni sadarkaa biyyaatti mirga namoomaa akka kabajan, akkasumas haqaa fi itti gaafatamummaa akka mirkaneessan waamicha dhiyeessaniiru.

Ibsi waloo kun adeemsa haqaa ce’umsaa Itiyoophiyaa keessatti guddinni mul’achuu dhabuus yaaddoo qaban ibsaniiru.

Hojiirra oolmaan bu’uura haqaa fi itti gaafatamummaa ce’umsaa amanamaa ta’e “midhamtootaa fi lubbuun hafaniif qofa osoo hin taane, biyyattii keessatti nagaa fi araara waaraa mirkaneessuuf murteessaadha.”

Biyyoonni kunneenis mootummaan Itiyoophiyaa “Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi qaamolee eegumsaa biroo waliin tumsuu fi aangoo isaanii akka kabaju” dhaamaniiru.

Qaamoleen hundi sarbamiinsa dabalataa irraa of qusachuu fi marii karaa nagaa taasisuun tasgabbiin akka deebi’uuf waamicha dhiyeessaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *