Abbaan Alangaa Veenzuweelaa Badhaasa Noobeeliisii yoo fudhatte akka baqattuu siyaasaa adamfamtuutti ilaalamti’ jedhe.
OFM:SADAASA.21/2025.Hoggantuun mormituu Veenizuweelaa, Noorweey deemtee yoo badhaasa Noobeelii Nagaa fudhatte akka nama to’atamuurraa ”baqataa” jirtuutti ilaalamtee adamfamti jedhan abbaan alangaa waliigalaa biyyattii.
Taariik Wiiliyaam AFP’tti yoo himan Maariyaa Koorinaa Makaadoon – to’annoo jala akka hin oolleef jecha baqataafi dhokataa jirti.
biyyattii keessatti ”gochaa shira xaxuu, jibba facaasuufi shororkeessummaan,” himatamteetti jedhan.
Dubartiin umriin isii waggaa 58 kuni badhaasa Noobeelii nagaa Onkoloolessa darbe kan argatte ”bulchiinsa abbaa irrummaa irraa gara dimokiraasiitti haa ce’amu,” jechuun tattaaffii taasisteeni.
Mootummaa Pireezidaant Nikolaas Maaduroo ”yakkamaa” jechuun balaaleffattee uummanni Veenizuweelaa tokkomee aangorraa akka isa kaasu waamicha dhiyeessiti.
