Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee oofiisaroota itti gaafatamummaa seeraan itti kenname naamuusa oogummaan alaa bahatan irratti tarkaanfii fudhate.
OFM:Hagayya.28/2025-Magaalaa Finfinneetti kabachiistota dambii naamuusa ogummaarra darbuun, namoota daandiirraa seeraan ala daldalan reebuun qabeenna isaanii bittinneessan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatameera.
Hojjettoonni kabachiisa dambii kunneen Addabaabayii Xaafoorratti daldalaa seeraan alaa reebuun, gahee seeraan kennameefirra darbuu isaanii Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee himeera.
Abbaan Taayitichaa ofiisaroonni hawaasa amanamummaafi kabajaan akka tajaajilan leenjii irra deddeebiin kennaa turuu yaadachiisuun kanarra darbuun naamuusa oogummaan ala warreen hojjetan irratti tarkaanfii eegale cimsee kan itti fufu tahuu ibseera.
Oofiisaroota gocha kana raawwatan irratti ragaa qulqulleessuun himanni akka irratti banamu taasisuus Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee kan beeysise.
Abbaan Taayitichaas hawaasni ogeeyyii naamusa ogummaa malee socho’an yeroo argu karaa sarara bilbila bilisaa 9995 akka beeysisu waamicha dhiyeesseera.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia