Baayidan dhibee Kaansariin qabamuun isaanii dhagahame.OFM:Caamsaa.19/2025-Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Joo Baayidan dhibee kaansariin qabamuu waajjirri isaanii beeysiseera.Joo Baayidan dhibee kaansarii “Pirooteesti” jedhamuun akka qabamaniifi seeliin isaa gara lafee isaaniitti tatamsa’uu eerameera.Dhibeen isaanii sadarkaa ol’aanaarra gahuu kan ibsame yoo ta’u, filmaatawwan wal’aansa isaaniif taasifamurratti maatii isaanii waliin mari’ataa akka jiran Asooshiyeetid Pirees gabaaseera.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi, Joo Baayidan dhibicharraa dafanii akka dandamataniif hawwii qaban ibsuun isaanii gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *