Somaalilaand biyyoonni 130 ol beekamtii akka kennaniif gaafatte.
OFM:Caamsaa.19/2025-Pireezdaantiin Somaalilaand Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahii biyyoota 130 ol ta’an Somaalilaandiif beekamtii biyyummaa akka kennaniif waamicha taasisaniiru. Pireezidaantichi kan kan dubbatan, Sagantaa bilisummaa Somaalilaand waggaa 34ffaa kabajuuf qophaa’e irratti haasawa kan taasisaniin ministiroota muummee, mootota, Amiirota dabalatee gaggeessitoota biyyoota 130 ol ta’aniif Somaalilaandiif beekamtii akka kennaniif xalayaa erguu dubbatanii jiru. Sagantaa Ayyaana kanarratti hawaasni addunyaa Somaalilaandiif akka biyyaatti beekamtii akka kennu irra deebiin waamicha cimaa taasisuu isaanii Horn Diplomat gabaaseera. Kanumaan walqabatee Pireezidaantichi Itiyoophiyaa, Emireetota Arabaa Gamtoomanii, Yunaayitid kingdam, USA, Jibuutii, Taaywaan, Tarkiyyee, fi Keeniyaa dabalatee biyyoota Somaalilaand waliin hariiroo michoomaa fi tumsa qabaniif galata qaban ibsaniiru. Gaanfa Afrikaa fi Galaana Diimaa irratti badhaadhina dagaagsuu fi nageenna naannawaa eegsisuu keessatti gahee ol’aanaa taphachuuf qophiidha tahuu dubbatan. Imaammanni dhimma alaa Somaalilaand qajeeltoowwan nagaa, walkabajuu fi tumsa irratti kan hundaa’e ta’uu isaas Pireezidaant Abdirahamaan irra deddeebiin ifoomsaniiru.