Huutiin Seelii Qaama Odeeffannoo Ameerikaa, Israa’elii fi Sa’udii ta’an booji’eera jedhe.

OFM:SADAASA-09/2025-mootummaa Huutii jala jiru Ministeerri Biyya Keessaa kaleessa hojii nageennaa addaa gaggeessuu fi seeliin toora basaasaa qabamuun to’atamuu xummuramuu beeysise.

Akka ibsa ministeerichi baasetti, toora basaasaa qabame kun qaama hojii waloo Ejensii Basaasa Jiddugaleessaa Ameerikaa (CIA), dhaabbata basaasa Israa’el (Mossad), fi dhaabbata basaasaa Sa’udii Arabiyaa hirmaachise keessaa tokko ta’uu ibsameera.

Akka ministeerichi jedhutti qorannoowwan gaggeeffaman akkaataa hojiin waliinii kun itti hojjetu irratti odeeffannoo bu’uuraa ifa ta’eera.

Gareen basaasotaa booji’aman kutaalee xiqqaa fi xixiqqoo adda addaatti kan gurmaa’an yoo ta’u, of danda’anii kan hojjetan ta’us qajeelfama isaanii wiirtuu waloo irraa argatu.

Ministirri kun itti dabaluudhaan hojiin waloo kun gareewwan kanaaf meeshaalee fi mijaa’ina basaasaa ulfaataa ta’e akka argatu taasiseera jedhan.

Kun marti qondaaltota Ameerikaa, Israa’el fi Sa’udi Arabiyaa keessa jiraniin hoogganamaa jira jedhe Ministeerichi jechuun ‘The Times of India’ Yemen online fi WION’ gabaasaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *