OFM:Guraandhala.22/2025-Tiraamp Jeneraala Waraanaa Ol’aanaaa Biyyattii hojiirraa kaasan.
Pirezidaant Doonaald Tiraamp qondaala Ameerikaa keessatti sadarkaa ol’aanaarra jiru CQ Biraawuun hojiirraa ari’aniiru. Biraawuun dura taa’aa ajajoota waliigalaa humna waraanaa ture.Donaald Tiraamp hoggansa waraanaa ol’aanaa jijjiiraa jiru. “Jeneraal Chaarlis ‘CQ’ Biraawuun dura taa’aa ajajoota waliigalaa humna waraanaa dabalatee waggoota 40 oliif biyya keennaaf tajaajila kenneera, kanaaf galateeffachuu barbaada.” Jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasaa irratti maxxansaniiru. Akkasuma Qondaaltonni ol’aanoo biroo shan namoota biraan bakka buufamaa akka jiran dubbataniiru. Gen Biraawuun qondaala gurraacha lammaffaa kan seenaa Ameerikaa keessatti aangoo kana qabatan. Hojiin isaanii pirezidaantichaa fi Ministira Ittisaa Nageenna Biyyaalessaa gorsuu ture. Ministirri Raayyaa Ittisaa Piit Hegseet kanaan dura sababa Gen Braawuun waraana keessatti walqixxummaa fi sagantaa hammatamuu irratti xiyyeeffannoo kennuuf hojii irraa ari’amuu qaba jedhan. Jimaata darbe ammoo Hegseet qondaaltota ol’aanoo dabalataa lama: Hogganaa Opireeshinii Galaanaa ADM Lisa Franchetti fi itti aanaa hogganaa ol’aanaa humna qilleensaa Gen Jim Slife hojiirra ari’uu ibse. Adm Franchetti dubartii jalqabaa humna galaanaa hooggante. Qondaaltonni ol’aanoo sadan Jimaata hojiirra ari’aman pirezidaantii duraanii Joo Baayiden muudaman. Hegseet ibsa kennaniin akkas jedheera: “Pireezidantii Tiraamp jalatti, hoggansa haaraa waraana keenna ergama ijoo waraana ofirraa ittisuu, loluu fi mo’achuu irratti xiyyeeffatu kaa’aa jirra.” Tiraamp, Lt Gen humna qilleensaa Daan Keeyin kan balaliisaa xiyyaara waraanaa F-16 ta’ee fi dhiheenna kana CIA keessatti daayreektarri itti aanaa dhimma waraanaa ta’uun tajaajilan – dura taa’aa haaraa ajajoota waliigalaa humna waraanaa ta’uun muudamaniiru. Gen Braawuun Jimaata darbe sa’aatii lama osoo Tiraamp ajaja ari’amuu isaa hin labsin dura daangaa kibba Ameerikaa irratti loltoota daawwataa ture. Gen Braawuun bara 2020 du’a Joorji Filooyid hordofee waa’ee sanyiirraa dubbachuun ijoo dubbii ture. Isa dabalatee namoota gurraacha muraasa kutaa isaanii keessa hojjetan irratti dhiibbaa gahuu fi yeroo baay’ee gaafiin sadarkasaa irratti ka’u ergaa viidiyoo humna qilleensaaf maxxanse. Bara 2022, yeroo hogganaa humna qilleensaa ture, Gen Braawuun yaadannoo galmoota adda addaa kaa’uun iyyata qondaaltoota sanyii xixiqqaarra dhufan guddisee kan kaadhimamtoota warra adii gadi buusuu, The Air Force Times gabaase. Kooliin Powell dura taa’aa gurraacha jalqabaa Hoggantoota Waliinii yoo ta’u, bara 1989-93tti tajaajilaa ture. Ji’a darbe keessa yeroo aagootti deebi’u gochi Tiraamp inni jalqabaa dubartii jalqabaa Ajajaa Eegdota Galaanaa hojiirraa ari’uu ture. Sababni inni kaasee garaagarummaa irratti ”xiyyeeffannoo garmalee” kennan jedheera. Peentaagoon torban dhufu baajata isaa kutuuf hojjettoota 5,400 akka gadhiisu Jimaata darbe beeysiseera. Gama biraatiin ammoo manni murtii federaalaa Meeriilaanditti yeroodhaaf Tiraamp uggura sagantaalee adda addaa, walqixxummaa fi hammatamuu akka hin hojiirra oolchuu hin dandeenne uggure
