Masrii Itiyoophiyaa waliin Waldhabdee hin barbaadu jette.

OFM:Muddee.21/2025.Pireezidaantiin Masrii Abdul Fattaah Al-Sisiin akka jedhanitti, Masriin Itiyoophiyaa waliin hidha Haaromsaa ilaalchisee waliigaltee seeraa dirqisiisuu irratti “rakkina biraa hin qabdu.”

Pireezidaantichi kana kan ibsanii yeroo walgahii ministeerota Afrikaa fi Raashiyaa Kaayirootti taasifamee irratti, biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufan waliin mari’ataniiru.

Al-Sisiin Masriin mirga fayyadamiinsa bishaan laga Abbayyaa akka hin tuqamne mirkaneessuu qofa barbaaddi; kanaaf waliigalteen seeraa Itiyoophiyaa waliin akka dirqamaatti mallatteffamuu akka qabu gaafataa jiru.

Torban muraasa dura Ministirri Dhimma Alaa Masrii, Badir Abdellatii, akka jedhanitti, marii waggoota 13 Itiyoophiyaa waliin gaggeeffame bu’aa hin argamsiifne, kanaaf Masriin mirga isii seera addunyaatiin eeguu akka qabu ifatti dubbatan.

Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa keessatti ijaarame waggoota 14 keessa, mariin Itiyoophiyaa, Masrii fi Sudaan gidduutti yeroo hedduu addaan citee deebi’ee ture. Masriin akkaataa itti hidhi itti bulmaata itti fufiinsaan hordofamuufi qooda bishaan Abbayyaa itti argattu waliigaltee seeraan dirqisiisaan mallatteeffamuu akka qabu gaafate, garuu Itiyoophiyaan fudhachuu didde.

Masriin yaaddoo bishaan Abbayyaa irraa akka hir’atu danda’u ibsuun, waliigalteen bara koloneeffannaa 1959 masriif fayyadamuu kennee ture akka jijjiiramu barbaadu.

Itiyoophiyaan garuu itti fayyadama laga Abbayyaa haqa-qabeessaa fi madaalawaa ta’een qooda ishee mirkaneessuu irratti fuulleffatte.

Pireezidaant Al-Sisiin biyyattiin garaagarummaa jiru irratti mari’achuuf qophii qabaachuu isaanii ibsuun, “Masriin Itiyoophiyaa doorsiftee hin beeytu” jedhan.

Haa ta’u malee, qondaaltonni Masrii yeroo adda addaatti hidha Haaromsaa hordofuun, dantaa biyya isaanii fi nageenna bishaanii eeguuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatan irra deddeebiin ibsanii jiru.

Itiyoophiyaan garuu waliigalteen akkasii bilisummaa fi dantaa biyyattii akka hin miine akka ta’e akeekkachiiftee turte.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *