Transcript
Tokkummaa dhabuun gartuulee Siyaasaa Oromoo aarsaa guddaa kaffalchiisaa akka jiru himame. Hidhattoonni duraanii kumni 20 kurmaana tokko keessatti hawaasatti makamuu Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa ibse. Wayita Ministirri Raayyaa Ittisaa Ameerikaa daawwannaa taasisaa jirtu Kooriyaan Kaabaa Rokkeettii dhukaafte. Yuukireen Wixinee Awurooppaa waraana dhaabu tokkollee hin argine jette!
