Pireezidaantii Itti aanaan duraanii Ameerikaa Diik Cheenii lubbuun darban.
OFM:SADAASA.04/2025-Pireezidaantii Itti aanaan duraanii Ameerikaa Diik Cheeniin umurii isaanii waggaa 84tti du’aan lubbuun darbaniiru.
Akka gabaasa BBC’tti Du’a isaaniitiif sababa kan ta’e, dhibee daranyoo sombaa fi onnee ta’uu maatiin isaanii dubbaatan.
Bara Faranjootaa 2001 hanga 2009 tti bara Joorji W.Buush Ameerikaa bulchan pireezidaantii itti aanaa ta’uun tajaajiluun isaaniis ni yaadatama.
Haleellaa 9/11 booda Ameerikaan Yoo Iraaniin weerartu ga’ee ol’aanaa akka taphatan kan himamu Diik Cheeniin, haasaa isaanii Iraan meeshaa jumlaan nama fixu hidhatteetti jedhuun beekamu.Haa tahu meehaan isaan jedhan hin argamne ture.
Diik dabalataan bara 1970tti barreessaa Waayit Haawus pireezidaantii Jeeraaldi Foordi ta’uun tajaajiluun isaaniis himameera.
