FIFAn badhaasa nagaa mataa isaa qopheessuuf deema!

OFM:SADAASA-06/2025-Qaamni kubbaa miilaa addunyaa bulchu FIFAn “Badhaasa Nagaa FIFA” qopheessuu jalqabuuf akka jiru beeysise.

Pireezidaantiin FIFA Giyaanii Infaantiinoon badhaasa jalqabaa carraa waancaa addunyaa bara 2026 irratti ni kennu.

FIFAn badhaasni kun namoota addunyaa guutuu nagaa waliin akka waliin jiraatan gargaaraniif kan kennamu ta’uu ibseera.

Namni jalqabaa badhaasa kana fudhate sirna Kennedy Center Washington, D.C. keessatti Adoolessa 26/2018 gaggeeffamu irratti ni fudhata.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp sirna kana irratti ni argamu jedhamee eegama.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *