Tapha Piriimiyer Liigii Ingilaand Torbee 10ffaa Saandarlaandii fi Evartan jidduutti har’a ni taasifama.
OFM:Sadaasa.03/2025-Piriimiyer Liigiin Ingilaand torbee 10ffaan har’a galgala sa’aatii 5:00tti tapha Saandarlaand Evertan waliin taphataniin xummurama.
Waggoota toorba booda gara dursummaa Liigichaatti kan deebi’e Saandarlaand, jalqabbii cimaadhaan eegaleera.
Taphataa sarara gidduu Arsenaal duraanii Giraaniit Zhaakaa dabalatee taphattoota muuxannoo qaban hedduu kan mallatteesse Saandarlaand taphoota sagal taphate keessaa shan injifachuun qabxii 17 walitti qabateera.
Saandarlaand tapha har’a dirree isaa irratti taphatu yoo injifate, Arsenaalitti aanee sadarkaa 2ffaa qabata.
Bara dorgommii kana taphoota afur irratti kan moo’atame Evertan, injifannoosaa 3ffaa bara dorgommii kanaa galmeessisuuf
