Daandiiwwan qilleensaa sababa waldhabdee Iraanii fi Israa’eliin balalii haqan.

OFM:Amajjii.24/2026.Dhiphinni ji’oopoolitikaa cimaa ta’e jidduutti, daandiiwwan qilleensaa idil-addunyaa of eeggannoof jecha balalii sagantaa qabame addaan kutaniiru.

Xiyyaarri Faransaay (Air France) Guyyoota Amajjii 23 fi 24 ( Jimaataa fi Sambata)balalii gara Tel Aviivii fi Dubaayitti taasifamu of eeggannoof jecha haquun isaa beeysiseera.

Tarkaanfiin kun kan fudhatame yeroo Iraanii fi Israa’el, akkasumas Ameerikaa jidduutti waldhabdeen cimaan uumameetti.

Haaluma walfakkaatuun, michuu Air France’s kan ta’e daandiin Xiyyaara ‘KLM’s balalii gara Israa’el, Sa’udi Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireets haqee jira.

Daandiin xiyyaaraa Jarman ‘Lufthansa’ balalii gara Tel Aviivii fi Riyaad godhu tokko tokkos akka addaan kutehaquun gabaafameera.

Air France hanga ammaatti ibsa ofiisaa kennuu baatus, tarkaanfiin kun tarkaanfii nageennaa yeroo gabaabaa ta’uu isaa amanuuf sababni jira.

Balaliin Tel Aviiv bara 2025_2026tti keessumaa ‘Kaabin La Premiere’ babal’isuun

kan karoorfame yoo ta’u, jeequmsi amma muudate kun waldhabdee siyaasaa naannicha keessatti cimaa ta’uu isaatiin kan walqabatu ta’uunsaa eeramee jira.

Murteen daandiilee xiyyaaraa kun waldhabdee Iraanii fi Israa’el jidduut

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *