Melaaniyaa Tiraamp “mormiin abbaa warraa kiyyarratti gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatu nan barbaada” jedhan.
OFM:Amajjii.30/2026.Giiftiin Dureen Ameerikaa Melaaniyaa Tiraamp mormii cimaan pireezidaant Doonaald Tiraampii fi bulchiinsa isaanii irratti gaggeeffamaa ture akka dhaabbatu gaafatan.
Yaadni kun kan dhiyaate yeroo imaammata immigireeshinii cimaa Tiraamp qabataniin magaalota Ameerikaa keessatti waldhabdeen uumameetti.
Melaaniyaa Tiraamp yaada kana kan kennan gaaffii fi deebii Fox Business waliin taasisaniin.
Turtiin Gaaffii fi deebii kun Jimaata har’aa kan eebbifamuu fi waa’ee Abbaa warraa isaanii dokumeentii haaraa waa’ee waggaa lammaffaa abbaa warraa isaanii beeysisuuf wayita yaadamaa jirutti ture.
Melaaniyaan Gaaffii fi deebii kana irratti abbaa warraa isaanii Hogganaa Biyya ”tokkummaa kan taasisu” (Unifier) jechuun ibsaniiru. “Biyyatti qoodamtee jirti, haalli jirus baay’ee ulfaataadha.”
Inni(Tiraampi)Waan fedhe haa dubbatu mormitoonni dhagahuu hin fedhan. Mormiin biyyattii keessatti ta’aa jiru akka dhaabbatu abdiin qaba” jedhan.
“Abbaan manaa kiyya hojii guddaa hojjetaa jira. Biyya namoonni bilisaan jiraatan, dubartoonni itti hin gudeedamnee fi Biyya yakkamtoonni hin jirre akka qabaannu barbaada,” jedhaniiru.
“Waggoota muraasa dura yakkamtoonni baay’een daangaa keessa dhufaa turan.”
Amma garuu daangaa cufee jira. Lammii keenna dursa kennuu qabna,” jechuun ibsan.
Melaaniyaan Ittisa Tiraampirraa kan taasisan yeroo bulchiinsi Tiraamp jumlaan tarkaanfii Godaantota biyyaa ari’aa (Mass Deportation) jirutti. Taateewwan tibbana Minnesota keessatti muudatan mufii gudddaa kaasaniiru.
Daa’ima ganna shan Liam Conejo Ramos ergamtoota federaalaa Minnesota keessatti hidhamuu fi gara mana hidhaa Teeksaasitti jijjiiramuu isaatiin aarii guddaa uume.
Ji’a kana qofa lammiileen Ameerikaa lama Rene Goode fi Alex Pretty jedhaman ergamtoota immigireeshiniin rasaasaan rukutamuun ajjeefamaniiru.
Mootummaan kun tarkaanfii “of ittisuu” akka ta’e hima, garuu haalli kun ammallee falmiin taasifamaa jira.
Lammiileen Ameerikaa harki caalaan isaanii filannoo bara 2024 irratti godaantota seeraan alaa biyyaa ari’uu kan deeggaran ta’us, amma wanti jijjiirame fakkaata.
Akka qorannoon haaraan YouGov jedhutti, lammiileen Ameerikaa dhibbeentaan 46 Immigration and Customs Enforcement (ICE) diiguun ni deeggaru.
Akkasumas dhibbeentaan 41 ejensichi akka itti fufu barbaadu.Melaaniyaa Tiraamp mataan isaanii godaantota.
Bara 1990moota keessa Slovenia irraa gara New York dhufanii lammummaa U.S. Bara 2006 nama argataniidha.
