Tiraamp ‘Chaayinaa waliin waliigaltee uumuun balaa itti fida’ jechuun UK akeekkachiise.
OFM:Amajjii.30/2026.Yeroo Ministirri Muummee Beejiingi daawwachuu itti fufee jirutti Doonaald Tiraamp ”Chaayina waliin waliigaltee uumuun balaa itti fida,” jechuun UK akeekkachiiseera.
Sar Keeyir Istaarmar daawwannaa kanaan hariiroo UK fi Chaayinaa deebisanii ijaaruu kaayyeefatee jira.
Istaarmar daawwannaasaa guyyaa sadii kanaan Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin mari’achuun waliigaltee daldalaa fi investimantii waliif mallatteessaniiru.
Pirezidant Tiraamp waliigalteewwan UK fi Chaayinaa irratti dhimmamee yaadasaa kennaa jira.
”Egaa, hojiinsaanii kun balaa guddaa isaanitti fida,” jedhe.
Qeeqa Tiraamp kanarratti ibsa kan kenne mootummaan UK, waa’ee daawwannaa kanaa fi kaayyoo isaa bulchiinsi Tiraamp dursee ni beeka jedhe.
Mootummaan UK akka ibsetti Tiraamp mataansaa Ebla keessa gara Chaayinaa imaluuf karoorfateera.
Tiraamp wayita UK akeekkachiisu waliigaltee Chaayinaa waliin uuman balaa qaba jechuun ala haasaa dheeraa hin taasisne, battaluma sana dhimma Kanaadaa darbee akeekkachiisa isaa baratamaa sana itti fufe.
”Kanaadaaf ammoo balaansaa ni caala, baayyee hammaataa ta’a,” jedhe Tiraamp.
”Kanaadaan akka gaarii hin jirtu. Baay’ee gadi deebi’anii jiru. Chaayinaa akka filannootti akka furmaata rakkoo keetti itti baqachuun sirrii miti,” jedhe.
Jalqaba torbee kanaa Tiraamp yoo Kanaadaan Chaayinaa waliin waliigaltee diinagdeerra kan geessu taate qaraxa akka irratti dabalu akeekkachiisee ture.
Ministeerri muummee Kanaadaa Maark kaarnii dhiheenya kana Chaayinaa daawwachuun pireezidaantii biyyattii waliin mari’ataniiru.
Tiraamp erga Sar Keeyir Istaarmar erga Shii Jiinpiing waliin mari’atanii booda hariiroon UKn Chaayinaa waliin qabdu ”akka gaarii kan jiruu fi akkaan cimaa” ta’uu ibseeti yaadasaaa kana kan kenne.
Sar Keeyir Jimaata (har’a) ”walga’ii gaarii fi bu’a qabeessa” ta’e Shii Jiinpiing waliin gaggeessuu ibsuun kun ammoo ”walitti dhufeenyi abdatan sadarkaa ol’aanarra ga’uu agarsiisa,” jedhe.
Sar Keeyir Istaarmar erga bara 2018 as ministira mummee jalqabaa Chaayinaa daawwateedha.
Bara 2025 UKn michuu daldalaa guddoo US turte. Chaayinaan ammoo afraffaa turte.
