Tiraamp Seenaa Ameerikaa keessatti Waggoota 250 booda yeroo jalqabaaf lakkoofsa lammiilee U.S. hir’isuu akka danda’an ibsame.

OFM:Guraandhala.02/2026.Pireezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Imaammatni immigireeshinii cimaan hordofaa jiran, biyyattiin waggoota 250 booda lakkoofsi ummataa isii yeroo jalqabaaf akka hir’atu taasisaa akka jiran himamaa jira.

Akka tilmaama baay’ina ummataa amanamaa adda addaatti, Bloomberg dabalatee, bara 2026 Ameerikaan bara baay’ina ummataa dhugaadhaan hir’attu ta’a jedhamee eegama.

Qondaaltonni lakkoofsa ummataa sababa guddaa lakkoofsi ummataa kun hir’achuu kanaaf sababa guddaa kan ta’eef duula bulchiinsa Tiraamp godaantota biyyaa ari’uu cimaa taasisaa jiruuni jedhan.

Akka Biiroo Lakkoofsa ummataa U.S. jedhutti, guddinni baay’ina ummata biyyattii waliigalaa ji’a muddee 2024 fi muddee 2025 jidduutti %0.5 ykn namoota miiliyoona 1.8 qofa ta’ee galmaa’eera.

Guddinni kun gara negaatiiviitti jijjiiramuu akka hin oolle mirkanaa’eera.

Wanti baay’ina ummataa hir’isuuf sababa ta’e kan biraan lakkoofsi godaantota gara biyyattii seenanii haalaan hir’achuu isaati.

Lakkoofsi godaantotaa baatii muddee 2024 keessa miiliyoona 2.7 kan gahe yoo ta’u, bara 2025tti gara miiliyoona 1.3tti gadi bu’eera.

Pireezidaanti Tiraamp aangoo qabachuu isaanii dura lakkoofsi ummata Ameerikaa naannoo bara 2080tti hir’achuu akka malutu eegamaa ture.

Haa ta’u malee, tarkaanfiiwwan amma fudhataman US rakkoo dimogiraafii keessa galchaa jiru, kan eegame caalaa baay’ee dursee jira.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *