Tiraamp Beejiingi walitti dhufeenna Tehiraan waliin qabdu akka addaan kuttu gaafatan.

OFM:Gurraandhala.05/2026.Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Beejiing walitti dhufeenna cimaa Iraan waliin qabdu irra deebitee akka ilaaltuu fi hariiroo Tehiraan waliin qabdu akka addaan kuttu Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinping waliin haasaa bilbilaan taasisaniin dhiibbaa gochuusaanii gabaasni ba’e ni mul’isa.

Mariin humnoota gurguddoo lamaan jidduutti taasifamu dippilomaasii addunyaa keessatti kallattii haaraa ta’a jedhamee eegama.

Waamicha kana irratti Pireezidaanti Tiraamp Chaayinaan boba’aa Iraan bitachuu akka dhiiftuu fi dhiibbaa idil-addunyaa Tehiraan irratti dhiibbaa akka deeggartu fedhii qaban ibsaniiru.

Akka Waayit Haawus ibsutti, pireezdaantichi pireezidaantii Shii Jiinping akka himanitti, tarkaanfiin kun nagaa Baha Jiddu Galeessaa galmaan ga’uufi sochii niwukilaraa Iraan to’achuuf barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Waamichi Tiraamp kun kan dhiyaate yeroo Waashingitan taarifa daldalaa fi tarkaanfiiwwan diinagdee biroo Beejiing irratti kaa’ama jedhamee eegamaa jirutti, deebiin Chaayinaan waamicha kanaaf kennitu egeree hariiroo biyyoota lamaanii keessatti akka waan ijootti bal’inaan ilaalama.

Pireezdaant Shii Jiinping Chaayinaan dantaa biyyaalessaa mataa isii akka hordoftu ibsuun garaagarummaa jiru mariidhaan hiikuuf fedhii qabaachuu isaaniis agarsiisaniiru.

Gama biraatiin ammoo xiinxaltoonni dippilomaasii akka jedhanitti, Tiraampi dhiibbaa Chaayinaan Iraan irratti gootu yoo dabalan diinagdee Tehiraan irratti rifannaa guddaa fiduu danda’a jedhu.

Mariin kun hariiroo dhuunfaa hoggantoota lamaan jidduu jiru cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, bal’inni marii kanaa garuu waldhabdeen siyaasaa ammas akka jiru ni mul’isa.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *