Tiraampi suuraa Iraan alaabaa USA’tiin haguugamte qooduun isaanii falmii kaase.!
OFM:Caamsaa.23/2026.Waldhabdeen dippilomaasii Waashingitanii fi Tehiraan jidduutti deemaa jiru of eeggannoo cimaan wayita barbaachisutti, Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi suuraa kaartaa Iraan alaabaa Ameerikaatiin haguugamee fi gaaffii “A United Nations of the Middle East?” jechuun fuula Hawaasummaa “Truth Social” isaa irratti qooduunsaanii xiyyeeffannoo harkiseera.
Barreeffamni pireezidaantichaa kun kan dhiyaate yeroo gamoonni lachuu gara dhukaasa dhaabuu fi waliigaltee hunda galeessa ta’etti tarkaanfataa akka jiran akeekanitti.
Tiraampi mariin kun “baay’ee dhiyoodha” kan jedhan yoo ta’u, Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoon gama isaaniitiin odeeffannooleen haarofti yeroo dhiyootti bahuu akka danda’an akeekaniiru.
Haa ta’u malee Xiinxaltoonni akka akeekkachiisanitti, ergaan Tiraampi kun karoora yeroo dheeraa Waashingitan naannichaaf qabdu irratti gaaffii haaraa kaasuu danda’a.
Kun adeemsa dippilomaasii duraanuu micciiramaa ta’e walxaxaa taasisuu danda’a, keessumaa yeroo waldhabdeen Iraanii fi Strait of Hormuz irratti mul’atutti haalli jiru daran miira qabeessa taasisuu mala.
Taajjabdoonni Baha Jiddu Galeessaa akka jedhanitti, Dhiibbaan waraanaa fi mariin dippilomaasii duubaan, haala walfakkaataan yeroo itti fufaa jiran kanatti, barreeffamni akkanaa hiika siyaasaa guddaa qaba jedhu.
Hariiroon Waashingitanii fi Tehiraan jidduu jiru xiyyeeffannoo addunyaa guutuu qabachuu itti fufee wayita jirutti, yaaddoon guyyaadhaa gara guyyaatti“haala hin baramneen” guddataa dhufeera.
