Iraanii fi Ejensiin Annisaa Atoomikaa Idil Addunyaa (IAEA) sakatta’iinsa niwukilaraa irratti wal dhaban.
OFM:Adoolessa.01/2026.Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmail Baghaei Daarektarri Ol’aanaa Ejensii Humna Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) Raafaa’eel Giroosii ibsa siyaasaa kennuu dhiisanii hojii dhaabbatichaa qofa irratti akka xiyyeeffatan akeekkachiisaniiru.
Jechoonni wal jijjiiruun kun kan uumame waliigaltee yeroo Iraan fi Ameerikaa gidduutti sakatta’iinsa iddoowwan niwukilaraa fi maallaqa dhoorgame gadhiisuu irratti waliigaltee dhabuu irraa kan ka’e ta’uu himameera.
Dubbi himaan Baghaei Iraan iddoowwan niwukilaraa isii irratti pirootokoolii inspeekshinii haaraa kamiyyuu akka hin fudhanne fi iddoowwan waraanaan miidhaman inspeektaroota idil-addunyaatiif banuuf karoora akka hin qabne ifa godhaniiru.
Daarektarri Ol’aanaa Raafaa’eel Giroosii, Yaadannoo Waliigaltee (MoU) pireezidaantonni lamaan mallattaa’een inspeekshiniin akka hin oolle cimsanii dubbataniiru.
Ibsa siyaasaa hubachuu nan danda’a, garuu qabxiin bu’uuraa waliigaltee pireezidaantonni lamaan mallattaa’e jiraachuu isaa kan himan.
Gama Kaaniin:-Iraan US waliin walgayii homaatiyyuu akka jirre himte.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Iraan Esmaa’eel Baghaei raawwii waliigaltee (MoU) US fi Iraan baatii Waxabajjii keessa mallatteessan irratti odeeffannoo haaraa kennaniiru.
Dubbi himaan kun akka jedhanitti, Ameerikaan akkaataa waliigaltee kana keewwata 10n boba’aa gurguruuf hayyama kan kennite yoo ta’u, Iraan adeemsa raawwii isaa itti dhiyeennaan hordofaa jirti.
Adeemsi qabeenna Iraan qabamee ture gadhiisuu, akkuma keewwata 11 jalatti tumameen gadhiisuus kan adeemsifamaa jiru yoo ta’u, jilli teeknikaa Iraan dhuma torban kanaatti Doohaa ni ga’a jedhamee eegama.
Baghaei adeemsi amma jiru adeemsa keewwata yaadannoo waliigaltee keessatti tarreeffaman hojiirra oolchuu malee waliigaltee dhumaa irra ga’uuf marii akka hin taane ibsaniiru.
Akka yaadannoo keewwata 13tti mariin dhumaa kan eegaluu danda’u keewwattoonni 1, 4, 5, 10 fi 11 milkaa’inaan hojiirra kan oolan yoo ta’e qofa jedhan.
Dubbi himaan kun gabaasa miidiyaalee tokko tokko irratti yaada kennaniin guyyoota dhufan keessatti gama Ameerikaa waliin walgahiin akka hin jirre mirkaneessaniiru.
Itti dabaluudhaanis daawwannaan bakka bu’oota Ameerikaa Qaataritti taasisan daawwannaa jila teeknikaa Iraan waliin waan wal qabatu akka hin qabne dubbataniiru.
Ibsi Iraan kun hariiroon biyyoota lamaanii ammallee of eeggannoo kan qabuu fi adda ta’e yaadannoo waliigaltee kanaa irratti kan hundaa’e ta’uu agarsiisa.
