Hidhattoonni Huutii Sa’udi Arabiyaatti karra galaanaa cufuu labsan.

OFM:Adoolessa.21/2026.Hidhattoonni Huutii Yaman ibsa reefu baasaniin karra galaanaa Sa’ud Arabiyaatti cufuu labsan.Tarkaanfiin kunis ammumarraa hojiirra oola jedhan.

Huutiin ibsa isaanii keessatti marsuun kun qaama imaammata “haaloo ba’uu” hojiirra oolaa jiruu akka ta’e beeysisan.

Dubbii himaan milishoota Huutii Yaman, Yaahyaa Saarii, Sa’ud Arabiyaan walitti bu’iinsa akka hin hammeessine akeekachiisaniiru, Huutiin tarkaanfii kamiifuu qophii ta’uu isaanii hubachiisan.

Walitti bu’iinsi gareen lamaan jidduu jiru kan jabaate, Sa’udi Arabiyaan xiyyaarri Iraan buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana’aa akka hin qubanne dhoorgite erga jedhamee booda.

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Mahan Air kan Iraan buufata xiyyaaraa Idil-addunyaa Sana’aa akka hin qubanne Sa’ud Arabiyaan erga dhowwite jedhame booda muddamni daran hammaateera.

Adoolessa 04, xiyyaarri Mahan Air Teehiraan irraa gara Sana’aarraa kan ka’e ta’us, sa’aatii muraasa booda gara Iraanitti ofirra deebi’eera.

Balalliin kun waggoottan 11 keessatti balallii kallattii Teehiraanii fi Sana’aa jidduutti taasifame kan jalqabaati.

Balaliin kun kan taasifame, Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Yamanii fi Mahan Air jidduutti waliigalteen geejjiba qilleensaa mallatteeffamuu isaa erga ibsamee sa’aatii muraasa booda.

Xiyyaarri lammaffaan torbee darbe Tehraanii ka’uun buufata xiyyaaraa Hodeidah qubate.

Kunis buufatni xiyyaaraa Sana’aa xiyyaarri gara Tehiraan osoo hin deebi’in boombiidhaan barbadoofnaani.

Mootummaan Yaman kan Aden jiruu fi Sa’udi Arabiyaan deggaramu Daandiin Qilleensaa Mahan Air daangaa qilleensaa Sana’aa sarbaa jira jechuun himate.

Iraaniin kan deegggaraman Huutiin immoo haleellaan qilleensaa Sana’aarratti raawwatame seera maleessa jedhan.

Huutiiwwan lixa Yaman, magaalaa Sana’a, buufata Hodeedah fi irra caalaa handaara galaanaa Galaana Dimmaa to’annoo isaanii akka jiru himatu.

Mootummaan Sa’udin deggaramu magaalaa Adanii fi kibba biyyattii to’ata.

Waraana waggootaa booda Huutii fi mootummaan Yaman Sa’udin deggaramu dhukaasa dhaabuuf waliigalanii turan. Huutiiwwan garuu waliigaltichi haleellaa buufata xiyyaaraa Sana’a booda cabe jedhu.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *