Ministirri Dhimma Alaa Sa’udii Gitoota isaanii Turkii, Masrii waliin wal argan.

OFM:Hagayya.14/2026.Ministirri Dhimma Alaa Sa’uudii Pirinsi Faayisal Bin Farhaan

magaalaa Masrii El Alamein keessatti Kamisa gita isaanii Turkii fi Masrii waliin wal arganii jiru.

Pirinsi Faayisal, kan Turkii Hakan Fidaanii fi Masrii Badir Abdellati haala yeroo ammaa naannicha keessatti mul’atu irratti mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa Masrii ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen beeysiseera.

Fidaanii fi Abdellatiin walga’ii lammaffaa garee karoora waloo hariiroo Masrii fi Turkii daran cimsuuf kaayyeffate sagantaa adda ta’een waliin dursaa turan.

Ministirri haajaa alaa Turkiyaan Masriin Waliigaltee Wal-Ittisaa Makkaa Sa’uudii fi Paakistaan ​​waliin mallattaa’etti akka makamtu dhaamaniiru.

”Kun jalqabbii seena qabeessa hoggantoota keennaan, bu’uura biyyoonni sadeen Makkaatti kaa’aniidha.

Yeroo kanatti, obboloota keenna warra Gibxii wajjin jalqabarraa kaasee dhimma kanarratti mariʼataa akka turre beekamaadha. Baay’ee walitti dhiyeennaan mari’ataa jirra,” jedhan Fidaan.

“Biyyoota obbolaa dhimmoota naannicha keessatti fudhannu mara – nageenna, siyaasaa ykn diinagdee irratti dursinee mariisifnu keessaa tokkodha.Dhimmi kun nuuf barbaachisaadha” jedhan.

Abdelaatiin akkas jechuun deebii kennan, “Waan tumsa damee ittisaa ilaalchisee fi yeroo dirqamni gama kanaan jiraatu, qorannoo gadi fageenna qabuu fi dirqama seeraa heera Masrii jalatti barbaaduun waan baratameedha” jedhaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *