Puutiin Odola Kuriil falmisiisaa ta’e daawwannaan, Jaappaan cimsitee mormite.
OFM:Hagayya.14/2026.Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Hagayya 13 Odoola Iturup kan kibba Odola Kuril keessatti argamtu daawwataniiru.
Daawwannaan kun Pireezidaantichi naannoo falmisiisaa ta’etti taasisuun kan jalqabaa ta’uun gabaafame, battalumatti Jaappaan irraa mormii guddaa kaase.
Pireezidaanti Puutiin shaakala humna galaanaa Raashiyaa booda naannoo sana daawwataniiru, warshaa qurxummii qopheessu, hospitaala fi dhaabbilee barnootaa daawwachuun bulchaa naannoo Sakhaaliin waliin dhimmoota misoomaa irratti mari’ataniiru.
Mootummaan Jaappaan battaluma sanatti daawwannaa kana irratti mormiin isaa cimaa ta’uu ibsuun, Odolawwan Kuril kibbaa Jaappaan keessatti “Naannoowwan Kaabaa” jedhamuun beekaman seenaa fi seeraan naannoo Jaappaan ta’uu labseera.
Ministeerri Dhimma Alaa Jaappaan Tookiyootti ambaasaaddara Raashiyaa Nikolaayi Nozdrev waamuun mormii sirnaa kan dhiyeessan yoo ta’u, tarkaanfiin kun hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii duraanuu dhiphate daran akka miidhu akeekkachiiseera.
Haa tahu malee Raashiyaan gamasiitiin mormii kana ifatti fudhatama dhabsiifteetti.
Qondaaltonni Kremlin kibba Odolawwan Kuril erga xummura Waraana Addunyaa Lammaffaa irraa eegalee seeraan qaama Raashiyaa ta’uu ibsuun, daawwannaan Pireezidaantii Puutiin naannoo isaanii keessatti sochii idilee ta’uu ibsaniiru.
Falmiin abbummaa Iturup fi odola Kuril kibbaa sadii erga xummura Waraana Addunyaa Lammaffaa booda furmaata kan hin arganne yoo ta’u, biyyoonni lamaan waliigaltee nagaa hariiroo yeroo waraanaa isaanii sirnaan xummuru akka mallatteessaniif gufuu guddaa ta’ee jira.
