Tiraamp adabbiin du’aa loltuu US waahillan isaa ajjeese, Nidaal Hasan tamsaasa kallattiin akka hin darbine murteessan.

OFM:Onkoloolessa.16/2026. Pireezidaantiin US Doonaald Tiraamp adabbiin du’aa loltuu Ameerikaa dhibee sammuu qabu irratti darbe garee dhukaasanii ajjeesanii kan raawwatamu tamsaasa kallattiin akka hin taane ibse.

Tiraamp adabbiin nama kanaa kallattiin dabarsuu akka hafe kan ibse erga qeeqni US fi addunyaarraa itti hammaateeti.

Tiraamp ”Namoonni gaggaariin naamusaa fi amala sirrii qaban wayita inni ajjeefamu yoo ilaaluu baatan wayya,” jedhan.

”Adabbii ajjeechaa kana kallattii maratti agarsiisuun akkaataa Ameerikaan itti tarkaanfii shororkeessaa, akka Nidaal Hasan, irratti fudhattu hammeenna fakkeessee mul’isuu danda’a,” jedhe.

”Akkuma karoorri qabametti garee dhukaasaniin ajjeefama. Garuu kallattiidhaan hin darbu,” jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti barreessan Tiraamp.

Nidaal Hasan bara 2009 Fort Hood keessatti loltoota hidhannoo malee jiran 13 ajjeesuun duuti itti murtaa’e.

Taateen kun jaarraa tokko booda yeroo jalqabaaf US keessatti kan muudatu ta’a.

Ameerikaan nama kana ajjeesuun akka adabdu murteen dabarsite kun waggaa 60 ol keessatti murtee ajjeechaa humna waraanaa kan jalqabaati.

Bara darbe adabbiiwwan du’aa 2,700 caalan biyyoota addunyaa garagaraa keessatti raawwataman keessaa biyyoota lama qofatu uummatatti kallattiin mul’isan.

Iraan keessatti bara 2025 adabbiin du’aa adda baabayiitti, kallattiin uummanni osoo arguu raawwatameera. Afgaanistaan keessatti ammoo adabbii du’aa ja’atu haala kanaan raawwatame.

Adabbiin du’aa Nidaal Hasan Muddee 3 2026 Teeksaas, Fort Hood bakka jedhamutti

raawwatama.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *