US’tti dhukaasa Mana barumsaa keessatti banameen barattoonni Sadii fi barsiisaan tokko du’an.
OFM:Onkoloolessa.16/2026.Ameerikaa bulchiinsa Oriigan keessatti ol-adeemaan umrii waggaa 16 mana barumsaa sadarkaa jalqabaa irratti dhukaasa banuun barattoota sadii fi barsiisaa tokko ajjeesuu booda innis nama naannoo sana tureen ajjeefamuu poolisiin ibse.
Qondaalli poolisii magaalattii Maayik Kiraanz,shakkamaan maqaan hin eeramne
kun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa magaalaa Bend keessatti argamu humnaan seenuun kutaalee cufamanii jiran irratti dhukaasa bane jedhe.
Yeroo gurbaan kun haleellaa raawwatu namni duubaan hordofaa ture tokko gurbicha rukutee ajjeesuu hime qondaalli poolisii kun.
Daa’imman ajjeefaman umriinsaanii waggaa 5 fi 11 jidduudha.
Daa’imni waggaa torbaa fi barsiisaan umrii waggaa 54 tokko daran miidhamuun hospitaala geeffamaniiru. Gurbaan haleellaa raawwate kun hidhatni inni mana barumsaa kana waliin qabu ifa miti.
Poolisiin namni haleellaa raawwate kun jiraataa naannawa sanaa ol-adeemaa umrii waggaa 16 ta’uu ibsuun ala odeeffannoo bal’aa hin kennine.
Gurbaan balballi cufamaatti dhukaasuun humnaan cabsee seenuuf yaalaa akka ture ibse poolisiin.
Taateen kun muudatee daqiiqaa sadi booda wayita poolisoonni bakkichatti argaman gurbaan haleellaa raawwate sun du’eera.
Poolisiin Wayita inni haleellaa raawwachuuf deemu nama argetu hordofee ajjeese jedhe.
Ragaan K-12 School Shooting Database akka mul’isutti bara darbe haleellaawwan 235 ta’an manneen barnootaa Ameerikaa keessa jiran irratti raawwataniiru, barana ammoo hanga yoonaatti 140 kan ta’u raawwatameera.
