US misaa’ela Paatiroot dolaara biliyeena 2.1 oliin Yukireenitti gurguufi.

OFM:Onkoloolessa.31/2026.Ameerikaan misaa’eloota Paatiroot 500 ta’u Yukiriinitti gurguruufi.

Yukireen misaa’elota kana haleellaa Raashiyaan irratti gaggeessitu qolachuuf baay’ee kan barbaaddu yoo ta’u, yeroo dheeraaf hanqinni akka isii muudate ibsuun warwaataa turte.

Pireezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin, misaa’eloonni kunneen hanga harka isanii gahutti yeroo dheeraa fudhachuu akka malu ibsuun US daftee akka dhiyeessituuf waamicha godhaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa US akka beeysisetti, misaa’eloonni ammayyaa haleellaa qilleensarraa qolachuuf gargaaran kun, PAC-3 dolaara biliyeena 2.1tti tilmaama.

Baasii misaa’elota Paatiroot kanaa kan danda’u michoota Yukireen kan ta’an biyyoota Awurooppaafi Kanaadaadha.

Pireezidaant Zeleniskiin Jimaata halkan ibsa kennaniin misaa’eloota baalistikii Raashiyaa qolachuu kan danda’u misaa’eloota farra haleellaa qilleensarraa US’n omishtu kana qofa ta’uu ibsuun, US daftee akka Yukireen harkaan geessu gaafatan.

Bulchiinsi Tiraamp misaa’elotaa Paatiroot Yukireeniif kennuuf murteessuun kan dhagahame, hariiroon Tiraampii fi Yukireen laaffateera yeroo jedhametti.

Tiraamp ji’a tokko dura boba’aa Raashiyaa argachuuf Raashiyaarraa qoqqobbii kaasuun ni yaadatama.

Gama biraatiin ammoo waraana Yukireenifi Raashiyaa dhaabsisuuf “Yukireeen gaggeessaa haaraa isii barbaachisa” jechuun dubbatee ture.

Yukireen garuu osoo waraana keessa jirruu filannoo gaggeessuu akka hin dandeenne irra deddeebiin ibsaa turte.

Muddamni Tiraampii fi Zeleniskii jidduu ture kan qabbanaa’e, Onkoloolessa 20 Zeleniskiifi bakka bu’oonni US Oslootti wal-arganii erga dubbatanii booda.

Ministeerri Dhimma Alaa Jimaata ibsa kenneen, “gurgurtaan misaa’elaa yaadame kun nageenna biyya michuu US taatee fooyyessuun galma imaammata tarsiimoo alaafi nageenna biyyaalessaa US kan utubuudha” jedhe.

Akka ibsa kanaatti, bittaa misaa’ela ammayyaa kanaaf Yukireen karaa deeggarsa biyyoota akka Kanaadaa, Jarmaniifi Noorweey fa’aa ni kaffalti.

US misaa’ela kana Yukireeniif dhiyeessuf maallaqa homaa akka hin baasne ibsuun, dhaabbanni meeshaa waraanaa omishuun beekamu Lookhid Maartin misaa’elotaa akka dhiyeessu beeysiste.

Gama biraan ammoo yaa’ii biyyoota guddatanii G20 jedhamu taa’amaa jirurratti Ministiirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov argamuun isaanii mormii kaasera.

Wal-gahiin kun US, Atilaantaatti taa’amaa kan jiru yoo ta’u, Sargee Laavroov argamuu hordofee, Raashiyaan biyya Yukireen weerarte ta’uusiin, dippilomaatonni Awurooppaa mormii qaban ibsaniiru.

Kanarraa kan ka’e dippilomaatonni Awurooppaa yaa’ii G20 kanarratti Sargee Laavroov waliin suuraa ka’uu diduu OFM’ gabaasuun ni yaadatama.

Ministiirri Dhimma Alaa UK, Ed Milibaand Raashiyaan biyya Yukireen weerarte ta’uu osoo beeynuu Sargee Laavroov “nu jidduutti argamuu hin qabu” jechuun morman.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *