Tiraamp Iraan irra deebiin haleeluuf dhaadatan.
OFM:Sadaasa.13/2026.Af-gaaffii miidiyaa Salem News waliin taasiseen, Pireezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp haalli jiru yoo jijjiirameefi kallattii hin fudhatamnetti yoo deeme, tarkaanfii waraanaa Iraan irratti fudhachuuf akka hin duubatti hin jenne dubbate.
Carraa Ameerikaan irra deebiin humna waraanaa Iraan irratti fayyadamuu dandeessuufi kana gochuuf kan maman yoo ta’e gaafatamanitti, Tiraamp mamii tokko malee tarkaanfii akka fudhatan ibsaniiru.
Af-gaaffii Kamisa taasifame irratti, “Haalli jiru kallattii dogongoraatti deemaa akka jiru yoon arge, tarkaanfii sana nan fudhadha.
Ammayyuu gochuu nan danda’a. Shakkiin ykn mamiin tokko illee hin jiraatu,” jedhaniiru.
Mootummaan Iraan hanga isaan yeroo hojii isaanii Waayit Haawus keessatti xummuranitti aangoo irra turuun isaa Ameerikaan kufuu isii agarsiisaa laata jedhamee gaafatamnaan, Tiraamp: “Eeyyee, sun nu irratti injifannoo Iraan ta’a. Kana irratti shakkiin hin jiru,” jechuun deebisaniiru.
Gaaffii miidiyaan Salem News Hiiw Hewiit (Hugh Hewitt) Iraan hoogganaa ol’aanaa Ameerikaa yoo ajjeeste Waashingitan tarkaanfii akkamii fudhatti jedhuuf deebii kennaniin, Tiraamp: “Yeroo sanatti wanti isaaniif hafu tokkollee hin jiraatu,” jedhan.
Gama biraatiin, Iraan irra deebiin yoo haleelamte waraana sana naannoo Baha Jiddugaleessaa qofa irratti osoo hin daangessin, buufataalee waraanaa Ameerikaa Eeshiyaafi Awurooppaa keessatti argaman akka galma haleellaa seera qabeessaatti akka ilaaltu doorsisteetti.
Kamisa galgala, sa’aatii lakkoofsa Iraaniin halkan walakkaa, gabaasonni akka mul’isanitti naannoo bulchiinsa Siirik (Sirik) kan kibba Iraanitti argamu irratti haleellaan xiyyaaraa raawwatamuu isaa gabaasaniiru.
