Tiraamp Muummicha Ministeeraa Hindii Naareendiraa Moodiif yeroo afur bilbilanis garuu Moodiin bilbila isaanii tokkollee hin deebisne.
OFM:Hagayya.28/2025-Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp yeroo afur MM Hindii Naareendiraa Moodiitti bilbilan, garuu Moodiin bilbila jalaa hin kaasne jechuun gaazexaan Jarmanii dhiheenna kana gabaaseera.
Muummichi ministeeraa Moodiin Pireezidaantii Ameerikaa irraa fagaataa kan jiran yoo ta’u, kunis mufannaa pireezidaanti Tiraamp baay’ee dabaleera jedha Gaazexaan Jaappaan tokkos kanuma gabaase.
Ministeerri Dhimma Alaa Hindii gaaffii yaada kennuudhaaf dhiyaateef deebii hin kennine.
US har’a taarifa %50 Hindii irratti kan keess yoo ta’u, Hindiin taarifa kana hir’isuuf nama lobiistii qacartee jirti jechuun Phil Post gabaaseera.
Odeeffannoo haarofti yeroo-yeroon akka isin dhaqqabuuf Link armaan gadii cuqaasaa…
https://oromiafreedommedia.org
https://t.me/oromiafreedommedia
https://www.youtube.com/@OromiaFreedomMedia