Fulbaana 11: Taatee sa’aatii 8 seenaa Ameerikaa keessatti yaadatamaa hafe!
OFM:Fulbaana 11, 2001, Ameerikaatti guyyaa idilee hin turre. Yerichi yeroo murteessa seenaa Ameerikaa fi Addunyaa keessatti yeroo hundaa yaadatamu fuula addunyaa jijjiire ta’ee yaadatama.
Guyyaa sanatti yeroo wal fakkatatti xiyyaarotni imaltootaa US butamuun gamoowwan Niiw Yoork fi Waashingitan kan akka mallattoo diinagdee, siyaasaafi aangoo waraanaa UStti ilaalaman buusuun lubbuu heddu gaaga’e ture.
Xiyyaarota kan bute jedhaman garee bade balleesitoota al qaayidaa yoo ta’u yoo xiqqaate namoota 2,996 kan itti ajjeefamaniidha.
Haleellaan kun US keessatti haleellaa isa cimaafi kan dhiibbaan isaa hanga har’aattillee mul’atuudha.