Chaayinaan ergamoota addaa gara Itiyoophiyaa, Ertiraafi Masriitti erguufi.
OFM:Sadaasa.03/2026.Chaayinaan akeeka marii cimsuufi muddama tasgabbeessuu jedhuun ergamoota addaa sadii gara biyyoota garagaraatti erguufi.
Dhimmoota Afrikaa irratti bakka bu’aa addaa mootummaa Chaayinaa kan ta’an Lowu Shiyaanfaa Itiyoophiyaa, Jibuutii, fi gara Masriitti akka imalan Dubbii Himtuun Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Maawo Niing gaafa Wiixataa miidiyaaletti dubbataniiru.
Akkasumas Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Gaanfa Afrikaa Huu Chaangchun gara Ertiraa akka imalan ibsameera.
Daawwannaan isaanii kuni yeroo Itiyoophiyaafi Ertiraa jidduu muddamni hammaatetti muudate.
Itiyoophiyaa walitti bu’iinsa gama Kaaba biyyattii jiruufis Masriin harka keessaa qabdi jechuun himatti, Masriin ni waakkatti.
Kaayyoon imala dippilomaatota kanaa nageennaafi tasgabbii naannichaa irratti qooda ijaaraa akka bahatan dubbii himtuun himaniiru.
Dhimma Jiddugala Bahaa irratti Ergamaan Addaa Chaayinaa Zaayi Juun immoo gara Iraan, Omaan, fi Sa’udi Arabiyaa imaluun marii gaggeessuufi muddama xiqqeessuurratti akka hirmaatan ibsan.
Imalli dippilomaatota kanaa jalqaba baatii Sadaasaafi walakkeessa baatii Sadaasaa keessa akka taasifamu miidiyaaleen Chaayinaa gabaasaniiru.
