Dhaabbanni TikTok hanga Roobii dhufuutti namni bitu yoo hin argamne ykn waliigalteerra hin gahamne US keessatti cufamuuf jedha.
OFM:Fulbaana.15/2025-Dhaabbanni abbummaansaa kan abbootii qabeennaa ta’e TikTok US keessatti namni bitu itti barbaadamaa yeroo jirutti qondaalonni USfi Chaayinaa marii daldalaa Ispeenitti gaggeessuu eegalan.
Marichi kan gaggeeffamu ministira daldalaa Ameerikaa Iskoot Beesentifi Ittaanaa Ministiira Muummee Chaayinaa Hii Laayifoongdha.
Addunyaarratti biyyoonni diinagdee cimaa qabaachuun beekaman lamaan USfi Chaayinaan, muddamni diinagdee jidduusaanitti dhalate akka hin hammaanneef marii gaggeessaa jiru.
Qondaalonni ol’aanoon biyyoota lamaanii ji’a Adoolessaa keessa wal-arguun dhimma taarifaa irratti mariyatanii kan turan yoo ta’u, waliigalteen taarifaa biyyooni lamaanuu walirra kaa’anii turan guyyoota 90 ta’uuf akka dheeratu godhanii ture.
Doonaald Tiraamp dhaabbanni TikTok abbootii qabeennaa UStti akka gurguramu, yoo kana hin taane ammoo akka cufamu jedhaa turan.
Dilbata gaazexeessitootaa yeroo dubbatanitti, “(TikTok) akka du’u dhiisuu dandeenna, ykn ammoo waan ta’u hin beeku. Chaayinaa irratti kan hundaa’u ta’a, baay’edhuma waan nama dhibuu miti,” jechuun dubbatan.