Iraan Humna Qilleensaa isii Teeknooloojii Misaa’elaatiin bakka buusuufi.
OFM:Amajjii.01/2026.Iraan, humna waraanaa Baha Giddu Galeessaatti kan ilaalamu Iraan, akkuma biyyoota biroo xiyyaarota waraanaa dhiisanii humna misaa’elaa irratti xiyyeeffatu tarsiimoo ittisaa hordofaa jirti.
Biyyattiin humna qilleensaa isii teeknooloojii misaa’elaatiin bakka buusuuf murteeffachuuf sababoonni gurguddoon qoqqobbii idil-addunyaa fi ol’aantummaa tarsiimoo waliin kan walqabatan ta’uu ibsameera.
Iraan wayita ammaa kana kuusaa misaa’elaa guddaa fi ammayyaa Baha Jiddugaleessaa keessatti kan qabdu yoo ta’u, kunis uggura meeshaa waraanaa biyyoota dhihaa waggootaaf kaa’amee tureedha.
Biyyattiin xiyyaarota waraanaa ammayyaa biyya alaa irraa bitachuu dadhabuun isii guutummaatti misaa’ela fageenna dheeraa biyya keessaa oomishaman irratti akka xiyyeeffattu isii dirqisiiseera.
Jijjiirama tarsiimoo waraanaa kanaaf bu’uurri guddaan baasii fi gahumsa akka ta’e ogeeyyiin xiinxalu.
Xiyyaarri waraanaa ammayyaa doolaara miiliyoona dhibbaan lakkaa’amu kan baasu yoo ta’u, Iraan garuu baasii walfakkaatuun misaa’ela sirritti qajeelfamu kumaatamaan lakkaa’amu oomishuuf dandeessi.
Kunis yeroo waraanaa xiyyaarri osoo hin ka’iin dhaabbilee waraanaa diinaa fagoo irraa rukutuu akka danda’u faayidaa tarsiimoo isaaf kenneera.
Kana malees, kuusaa lafa jalaa fi naannoo gaaraa kan akka buufata xiyyaaraa keessatti misaa’ela furguggisan salphaatti dhoysuu danda’uun haleellaa diinaa irraa of ittisuu danda’uu isaa cimseera.
Iraan dhiheenna kana misaa’ela haaypersoonikii saffisa sagalee caalaa baay’ee saffisaan deemuu danda’u “Fatah” ifoomsuun isii, teeknooloojii misaa’elaatiin humna qilleensaa caalaa ol’aantummaa qabaachuu isii agarsiisuuf akka yaadde agarsiisa.
Iraan as-kaluu kana xiyyaarota waraanaa Raashiyaa Sukhoi-35 bitachuuf yaaltus, utubaa ittisaa isii inni guddaanii fi balaan diinota isii irra ga’u dandeettii abbaa biyyummaasii dandeettii misaa’elaa fi diroonii isiirratti ijaarame ta’ee jira.
