Mootummaan waraanaa Burukiinaa Faasoo warshaa warqee qulqulleessu isa jalqabaa bane.

OFM:Fulbaana.29/2026.Hogganaan Burkinaa Faasoo bu’aa albuudaa biyyattii keessa argamu oolchuuf warshaa warqee qulqulleessu baneera.

Qabeenna biyyattiin qabdu biyya keessatti fayyadamuu fi albuuda ijoo to’achuuf tarkaanfii fudhatame ta’uun himameera.

Hogganaan waraanaa Ibraahim Tiraayooree warshaan kun kan baname hirkattummaa biyyi isaanii albuuda qopheessuuf biyyoota alaa irratti qabdu hir’isuuf akka ta’e himaniiru.

“Albuuda keenna mara asitti qopheessina. Gabaa guutuun keenna akka ta’u barbaanna,” jechuun eebba warshichaa irratti dubbataniiru.

Burukiinaa Faasoo Afrikaa keessatti warqee oomishtuu guddaa yoo taatu, mootummaan biyyattii garuu damee albuuda al-seerummaa to’achuu irratti qormaatni muudateera.

Kunis dameen albuudaa fincila jihaadistootaan akka miidhamu taasise.

Mootummaan waraanaa Burukiinaa Faasoo gara jiddugala warqee itti qopheessanitti jijjiiruuf karoora qaba.

Omishni warqee dabaluu kanaaf deebii kennuudhaan bulchiinsi Ibraahim Tiraayoree waggaa lama dura dhaabbata albuudaa mootummaan bulchu hundeesse.

Dhaabbileen albuudaa biyya alaa mootummaaf qooda %15 kennuu kan qaban yoo ta’u, hojjettoota biyya keessaa leenjisuufis dirqama qabu.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *