Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoon haleellaa qilleensaa fi booji’amuu pireezidaantii Nikolaas Maaduroo ilaalchisee ibsa kennan.
OFM:Amajjii.05/2026.Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoon Sambata darbe haleellaa qilleensaa fi booji’amuu pireezidaantii Nikolaas Maaduroo ilaalchisee miidiyaalee Ameerikaaf ibsa kennan.
Ruubiyoon haasaa ijoo taasisaniin tarkaanfiin Ameerikaan fudhatte “gocha waraanaa Veenzuweelaa irratti raawwatte miti” jechuun falmanii jiru.
Gaaffii fi deebii ABC News waliin taasisaniin, gaaffii Oporeeshiiniin osoo hin gaggeeffamin dura, maaliif hayyamni Kongireesii hin gaafatamin jedhamanii gaafatamaniif wayita deebii deebisanitti hojiin kun “weerara miti” jechuun kanaaf hayyama gaafachuun barbaachisaa mitii jedhan.
Ruubiyoon Maaduroo ugguramuun isaa Veenzuweelaadhaaf “haala fooyya’aa akka uumu” akka abdatan kan dubbatan yoo ta’u, garuu “kaayyoon jalqabaa fi inni guddaan Ameerikaa eeguudha” jechuun cimsanii dubbataniiru.
Ruubiyoon akka jedhanitti, US “gocha” isii irratti hundaa’uun Veenzuweelaa irratti murtii kan kennitu yoo ta’u, Waashingitan dantaa isii tarkaanfachiisuuf “maraammartoo hedduu fi karaa dhiibbaa qubsiusuu akka qabdu eeranii jiru.
Itti aanaan pireezidaantii Veenzuweelaa duraanii fi amma pireezidaantiin yeroo ammaa Deelsii Roodriigeez hogganaa seera qabeessa ta’uu fi dhiisuu isaanii gaafatamanii, US ammallee “sirni kun seera qabeessa ta’uu isaa hin amantu,” jedhan.
