OFM:ODUU HAARAWA:Fulbaana.19/2026

••••••••••••••••••

US waldhabdeen Sa’uudii fi Huutii saffisaan hammachuu waan danda’uuf lammiileen Baha Jiddu Galeessaa “of eeggannoo ol”aanaa” akka godhan akeekkachiifte.

Ameerikaan lammiileen isii Iraaq, Baahireen, Omaan, Sa’uudii Arabiyaa, Iraan, Qaatar, Libaanos, Kuweetii fi Joordaan keessa jiran “of eeggannoo ol’aanaa” akka godhan akeekkachiifteetti, “haalli nageennaa ammallee walxaxaa ta’ee waan jiruuf haala hin eegamneen hammachuu mala” jechuun akeekkachiifteetti.

Akeekkachiisni kun haleellaa buufata xiyyaaraa siiviilii irratti raawwatamu dabalatee diinummaa Huutii fi Sa’uudii jidduutti uumamu “saffisaan hammaachuu akka danda’u” akeekkachiifame.

Akeekkachiifni nageennaa adda addaa Fulbaana.19 bahan, ergamoonni dippilomaasii U.S. biyyoota sagal keessa jiran akka jedhanitti, haalli nageennaa Baha Jiddu Galeessaa “waldhabdeen naannoo dabalaa dhufuun balalii haqamuu, naannoo qilleensaa cufamuu fi imalli addaan cituu hordofsiisuu danda’a.”

Akkasumas Iraanii fi gareewwan Tehiraan deeggaran dantaa U.S. biyya alaa ykn bakkeewwan Ameerikaanota waliin walqabatan irratti xiyyeeffachuu akka malan akeekkachiisaniiru.

Lammiileen U.S. hojii daandiiwwan xiyyaaraa fi buufata xiyyaaraa akka hordofan, hiriiraa fi walga’ii guddaa irraa akka fagaatan, akkasumas qajeelfama bulchitoota naannoo irraa akka hordofan gorfamaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *