Waraana Yaman keessatti deemaa jiruun namoonni kuma 112 ol buqqa’an; kanneen kumaatamaan lakkaawaman gara Jibuutiitti baqatan.
OFM:Fulbaana.19/2026.Yaman keessatti namoonni 112,000 ol qe’ee isaanii irraa buqqa’anii,kanneen gara 3,000 ta’an ammoo waldhabdee kanan gara Jibuutiitti baqachuu isaanii Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibseera.
Lola Huutii Iraan waliin hidhata ta’ee fi humnoota Sa’udiin deeggaramuu fi mootummaa sadarkaa addunyaatti beekamtii qabuuf amanamoo ta’an Yaman jidduutti hammaataa dhufuu isaatiin.
“Qabeenni keenna baay’ee, baay’ee, daangeffamaadha, kuufamni keennas yeroo dhiyootti ni dhuma,” jechuun itti gaafatamaan ergama Dhaabbata Godaantota Idil-addunyaa Yaman keessatti argamu Abdusater Issou Jimaata darbe ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbatan.
Torban lamaan darban keessa namoota 112,000 ol biyya keessaa buqqa’an keessaa harki caalaan isaanii keessumaa West Baankii fi bulchiinsa Taayiz fi Lahj keessatti baqachuu isaanii itti dabaluun himaniiru.
Buqqa’iinsi kun kan jalqabe yeroo Huutiin saffisaan tarkaanfii fudhachuun qarqara Galaana Diimaa guutuu fi daandii doonii barbaachisaa ta’e, Bab al-Mandeb Strait to’atanitti.
UN akka tilmaametti lammiileen Yaman miiliyoona 22 – ykn walakkaa ummataa jechuun danda’amu- qarqaarsa namoomaa hatattamaa barbaadu.
Yaman keessatti baqattoonni galmaa’anii fi koolugaltoonni kuma 65 ol balaadhaaf saaxilamaniiru, baay’inaan Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa irraa kan dhufan ta’uu ibsameera.
Bakka bu’aan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNFPA) kan akeekkachiisan Rakkoon kun “sa’aatii sa’aatiin hammaataa jira” jechuun dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman meeshaalee isaanii mara dhaban ijoollee isaanii waliin baqataa akka jiran ibsaniiru.
Galtieri akka tilmaametti dubartoonni ulfaa 2,000 ta’an buqqaatota keessaa akka jiran, akkasuma gara 200 ta’an ammoo yeroo dhiyootti da’uuf jiru.
Lammiileen Yaman 3,000 ta’an bidiruudhaan gara Jibuutiitti yaman baqachuu isaanii ejensiin baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii beeysiseera.
Qaxxaamurri gabaabaan Bab al-Mandeb Strait qaxxaamuree jiru kiiloo meetira 25 ol xiqqoo (maayilii 16) dha.
Komishinarri Ol’aanaan Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR) akka gabaasetti torban darbe namoonni 2,400 ol imala kana godhaniiru – irra caalaan isaanii dubartoota, daa’immanii fi maanguddoota.
Dhangala’aan kun kan namoota gara miiliyoona tokkootti dhiyaatan Jibuutii irratti dhiibbaa geessisaa jira.
Duraanis baqattoota gara kuma 36 kan keessummeessitu yoo ta’u, irra caalaan isaanii Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa irraa kan dhufan ta’uu bakka bu’aan UNHCR Saandriin Desamours himaniiru.
Itti dabaluudhaanis, “Lakkoofsi kun xiqqaa fakkaachuu danda’a, garuu baay’ina ummataa wajjin wal-madaaluun ilaalamuu qaba” jetteetti.
Tarsiimoodhaan barbaachisaa kan ta’e Bab al-Mandeb Galaana Diimaa Galoo Galaana Aden waliin kan walqunnamsiisu yoo ta’u, waraanni Ameerikaan Iraan waliin taasifte Strait of Hormuz waan cufeef daandii doonii filannoo ta’eera.
