Hogganaan ol’aanaa UN ‘seerri idil-addunyaa kabajamuu dhabuun yaaddessaa dha’ jedhan.

OFM:Amajjii.05/2026.Manni Maree Nageennaa UN kora ariifachiisaa waameen hogganaa olaanaa dhaabichaa Antooniyoo Guteerees bakka bu’uun Roozmeerii Dikaarloo ibsa dhaabichaa dubbisaniiru.

Guteerees, tarkaanfii Ameerikaan Veenzuweelaa irratti fudhatteen ”seerri idl-addunyaa kabajamuu hafuun akkaan nama yaaddessa,” jedhan.

Ibsichi: ”biyyattii(Veenzuweelaa) keessa tasgabbii dhabuun hammaachuu danda’a, biyyoota naannichaa irratti dhiibbaa gochuu danda’uu dabalataan hariiroo biyyootni walii qabaatan irratti fakkeenna kaa’u malas,” jedhan.

Gama biraan gorsaan nageennaa UK kan tahan Sar Maark Laayil Giraant biyya isaanii dabalatee biyyoonni Awurooppaa biroo ”ejjennoo rakkisaa” keessa jiru jedhaniiru.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *