Pireezidaantiin Turkii Xaayib Erdoogaan, gita isaanii kan Gamtaa Arabaa Eemireetotaa waliin rakkoo Gaazaa, Somaaliyaafi Yaman irratti bilbilaan mari’atan.

OFM:Amajjii.07/2026.Pireezidaantiin Turkii Xaayyib Erdoogaaniifi Pireezidaantiin Gamtaa Arabaa Eemireetotaa (UAE) Sheek Mohammed biin Zayed Al Nayan rakkoo qarqaarsa namoomaa Gaazaa, akkasumas haala nageennaa fi tasgabbii Somaaliyaa fi Yaman irratti wiixata kaleessaa bilbilaan mari’achuu isaanii Daarikterri Komunikeeshinii Turkii ifoomse.

Ibsi waajjira kominikeeshinii Turkii irraa bahe akka muldhisutti, hoggantoonni lamaan dhimmoota naannoo fi idil-addunyaa yeroo ammaa xiyyeeffannoo ol’aanaa argatan irratti yaada wal jijjiiraniiru.

Pireezidaanti Erdoogaan biyyi isaanii Turkiin abbaa biyyummaa, tokkummaa fi qulqullina naannoo Somaaliyaafi Yaman cimsitee akka deeggartu mirkaneessanii jiru.

Akkasumas Erdoogaan, Ankaaraan tattaaffii nagaa fi tasgabbii biyyoota lamaanii mirkaneessuuf taasifamu keessatti gumaacha akka gootu fi qophii guutuu akka qabdu ibsaniiru.

Turkiin marii siyaasaa fi tarkaanfii dippilomaasii karaa nagaa irratti hundaa’e deeggaruun rakkoolee yeroo dheeraaf ture furuuf qooda fudhataa turte jechuun eeraniiru.

Mariin bilbilaa kun kan gaggeeffame yeroo hariiroon diplomasii Turkiifi Gamtaa Arabaa Eemireetotaa (UAE) waggoota darban keessa wal-xaxaa ture boodarra fooyya’aa jiruttiidha.

Biyyoonni lamaan waggoota dhiyoo as walitti dhufeenna isaanii deebisanii cimsuuf marii fi daawwannaa sadarkaa ol’aanaa gaggeessaa turuun isaanii ni yaadatama.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *