Hiriirri dhaadannoo “Pireezidaanti Tiraamp harka keessan Itiyoophiyaa fi Afrikaa irraa kaasaa” jedhu gaggeeffamuufi.
OFM:Amajjii.22/2026.Lammiileen Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa haasawa Pireezidaanti Tiraamp irratti addabaabayii Neelsan Maandeellaatti hiriira mormii taasisuuf akka jiran himame.
Miseensonni diyaaspooraa Itiyoophiyaa fi aktivistoonni Paan Afrikaa haasawa pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa fi Abbaa biyyummaa Itiyoophiyaa irratti taasisan mormuuf
Afrikaa Kibbaa keessatti hiriira guddaa #NoMore addabaabayii seena qabeessa Nelson Mandela Square Johannesburg keessatti gaggeeffamuuf qophii xummuruu isaanii beeysisaniiru.
Akka qindeessitoonni hiriira kanaa jedhanitti, sochiin kun murtee dhiheenna kana pireezidaant Doonaald Tiraamp Masrii moggaa dhaabbachuu fi hidha qabeennaa fi humna lammiilee Itiyoophiyaatiin ijaarame Ameerikaan ijaarame jedhee dhiyeessuuf deebii kennuudha.
Mormitoonni kunneen dhaadannoo “Pireezidaant Tiraamp, harka keessan Itoophiyaa fi Afrikaa irraa kaasaa” jechuun dhaamsa cimaa hawaasa addunyaaf dabarsuuf karoorfataniiru.
Hiriira kana irratti lammiilee Itiyoophiyaa dabalatee aktivistoonni beekamoo Paan Afrikaa 50 ol kan hirmaatan yoo ta’u,
* Sudaan, .
* Keeniyaa, .
* Bootswaanaa, .
* Angoolaa fi
* Naamibiyaa.
Qabiyyeen mormii kanaas;-
•Jidduu seenuun biyya alaa kamuu kan mirga uumamaa Itiyoophiyaan laga Abbayyaa irratti qabdu sarbu diduudha.
•Madda maallaqa ijaarsa Hidha Haaromsaa ilaalchisee odeeffannoo pireezidaanti Tiraamp kennan balaaleffachuu.
•Itiyoophiyaan dhiheenna kana warshaa anniisaa niwukilaraa labsite; hordofuun hojiiwwan Afrikaa jeequuf hojjetamaa jiran, “waamicha dammaqiinsaa” jechuun diduu fa’a of keessatti qabata.
Qindeessitootni hiriira kanaa dhumarratti, “Abbootiin keenna gootummaan magaalaa guddoo Gamtaa Afrikaa Finfinnee baraaranii, “Hidha Haaromsaa keenna mallattoo abbaa biyyummaa keennaa ta’ee ni tikfna” jechuun lammiileen Itiyoophiyaa fi Afrikaan hundi garaagarummaa isaanii moggaatti dhiisanii biyya isaaniif sagalee akka ta’an waamicha dhiyeessaniiru.
