Tarkaanfii haaloo bahu Iraan fudhataa jirtuun wiirtuun industirii Qaatar ‘barbadaa’e’
OFM:Bitootessa.18/2026.Calaltuun boba’aa Qaataar Raas Lafaan wiirtuuwwan Iraan akka haleeltu akeekkachiisaa turte keessaa tokko ture.
Wiirtuun kun amma dhaabbata gaazii Kibba Paarsiin jiru kana dura haleelameen booda irratti xiyyeeffatameera.
Buufatni bobaa guddichi addunyaa qabeenna Iraan ta’e haleelamuu hordofee Iraan haaloo akka baatu beeysifteetti.
Kanuma hordofee Qaatar Dippilomaatota Iraan biyyattii keessaa akka bahan ajaja dabarsuutu gabaafamaa jira.
Haaloon kan irratti bahamu ammoo buufataalee boba’aa biyyoota Arabaa galoo galaanaa waan ta’aniif haleellaa kanaaf qophaa’aa jiru.
Ejensiin madda oduu Egdota Warraaqsaa Iraan waliin hidhata qabu, buufataaleen boba’aa Saa’udii Arabiyaa, UAE fi Kataar jiran warra haleellaan haaloo bahuu irratti xiyyeeffatame akka ta’an ibsuun ni yaadatama.
