Mariin Nagaa Islaamaabaad keessatti taasifamuuf ture addaan cituun dhagahame!

Dhaabbanni oduu Iraan Tasnim akka gabaasetti, jilli Iraan magaalaa guddoo Paakistaan ​​Islaamaabaad ga’uu isaa gabaasni dhiyaate “soba” ta’uu fi mariin kun akka addaan cite ibseera.

Kanaan dura jilli Iraan mariidhaaf Islaamaabaad akka seene odeeffamaa ture, mootummaan Iraan garuu gabaasa kana haaleera.

Tehiraan mariin kamiyyuu akka deebi’ee jalqabuuf haal-duree ta’ee “Israa’el weerara Libaanos irratti raawwattu hatattamaan dhaabuu qabdi” jechuun ifatti ibsiteetti.

Iraanii fi gama Ameerikaa/Israa’el yeroof dhukaasa dhaabuun torban lamaaf kan Ameerikaa fi Paakistaan ​​jiddugaleessa godhate kun Libaanos kan hammatu ta’uu fi dhiisuu isaa irratti wal dhabaniiru.

Ibsi Iraan kun kan ba’e, jilli itti aanaa pireezidaantii Ameerikaa JD Vaansiin durfamu Dilbata dhufu Islaamaabaaditti marii ni eegala jedhamee wayita eegamutti, balaa waraanaa naannichatti muudatu deebisee qabsiiseera.

Tasniim haleellaa Israa’el Libaanos irratti itti fuftee jirtu hordofuun Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu irraa bahuu akka dandeessu akeekkachiiseera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *