Ispeen keessatti baaburri walitti bu’uun xiqqaatu namoonni 64 du’an.
OFM:Onkoloolessa.28/2026.Baaburri saffisa guddaa qabu Ispeen keessatti baabura biraa dhaabbatee turetti bu’uun yoo xiqqaate namoota 64 du’uufi 80 ol madaa’uun himame.
Mootummaan bulchiinsa naannoo Castilla-La Mancha AFP-tti akka himetti, lakkoofsi namoota du’anii 30 gaheera.
Akka Tajaajilli Daandii Baaburaa Ispeen (ADIF) jedhutti, balaan kun Harbaa ganama bulchiinsa Toleedoo keessatti uumame.
Kanaanis, tajaajilli baaburaa Maadrid, Siyuudaad Riyaal fi Andaluusiyaa jidduu jiru addaan citeera.
Eshtar Paadillaa, dubbii himtuun mootummaa kan kutaa bulchiinsa Castilla-La Mancha, Miidiyaa TVE-tti akka himtetti, balaan kun baabura saffisa guddaa qaban lamaan kallattii tokkoon Maadriid irraa gara Siiviyaa deemaa turan jidduutti kan uumame yoo ta’u, inni tokko osoo inni kaan dhaabbatee jiruu duubaan rukutee furgoowwan isaa lama daandii baasuun muudate.
Akka isiin ibsitetti, sababni balaa kanaa haga yoonaatti hin beekamne.
Paadillaan imaltoonni 397 baabura kubbaaniyaa RENFE keessa kan turan yoo ta’u, 147 kan kaampaanii IRYO keessa turan.
