Imalli Itti aanaa pireezidaantii JD Vaans Paakistaan haqame.!
OFM:Ebla.19/2026.Pireezidaanti Doonaald Traamp har’a itti aanaan pireezidaantii JD Vaans jila U.S. gara Paakistaan deemuun marii marsaa haaraa Iraan waliin taasisuuf akka hin hoogganne beeysisaniiru.
Akka Pireezidaanti Tiraamp jedhanitti, imalli JD Vaansii sababa ”yaaddoo nageennaa ol’aanaa” irraa kan ka’e haqame.
Pireezidaantichi waa’ee yaaddoo kanaa bal’inaan kan hin ibsine ta’us, murteen kun kan kenname yeroo waldhabdeen waraanaa Strait of Hormuz keessatti cimee jirutti.
Vaans kanaan dura jila Steve Witkoff fi Jared Kushner of keessaa qabu hogganuun qondaaltota Iraan waliin Paakistaanitti akka wal argan ni eegama ture.
Vaansi Imala torbee darbe marii dheeraa Paakistaanitti taasisaniin gareen lamaanuu waliigaltee uumuu kan hin dandeenne ta’uun ni yaadatama.
Imalli gara paakistaanitti taasifamu haqamuun isaa Tiraampi akeekkachiisa cimaa ”yoo Iraan waliigaltee kana hin mallatteessine biyyattiin guutuun ni diigamti” jechuun akeekkachiisa cimaa erga kennan sa’aatii muraasa booda.
Itti aanaan pirrezidaantii kun sababa nageennaatiin imala kana irraa kan dhoorgaman yoo ta’u, Ameerikaan karaa dippilomaasii birootiin marii kana itti fufti moo ijjennoo isii gara tarkaanfii waraanaatti akka ceesistu ammatti ifa miti.
Haa ta’u malee, Vaans dhabamuun isaa adeemsa kana irratti dhiibbaa uumuu akka danda’u xiinxaltoonni siyaasaa dubbataa jiru.
