Puutiin Baha Jiddu Galeessaatti nagaa buusuuf waan danda’u mara akka godhan dubbatan.

OFM:Caamsaa.01/2026.Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, Seent Piiteersbarg keessatti ministeera haajaa alaa Iraan Abbaas Araqchi waliin walga’ii seena qabeessa taa’taa’aniin, Moskoon waldhabdee hir’isuu fi nagaa baha jiddu galeessaa guddisuuf kutannoo qabdi jedhan.

Pireezidaant Puutiin haasaa isaanii keessatti Raashiyaan waldhabdee Ameerikaa, Israa’elii fi Iraan jidduu jiru furuuf hojjechuuf qophii ta’uu ibsuun, yaadni Yuuraaniyeemii Iraan badhaadhina qabu dachee Raashiyaa irratti kuufachuuf dhihaate balaa naannicha irra ga’u hir’isuuf tarkaanfii guddaa ta’a jedhan.

Pireezidaantichi walitti dhufeenna tarsiimoo Iraan waliin qaban cimsuu kan itti fufan ta’uu ibsuun, nagaa dantaa ummatoota naannichaa tajaajilu fiduuf waan danda’u hunda ni goona jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqchi Raashiyaan deeggarsa gooteef galateeffachuun hariiroon biyyoota lamaanii walta’iinsa tarsiimoo cimaa ta’uu ibsaniiru.

Ministirri kun itti dabaluudhaan Iraan dhiibbaa Ameerikaa irraa dhufu kamiyyuu cimsitee akka mormitu ibsuun, marii nagaa biyyoota lamaanii diigamuuf dhiibbaa hin malle Ameerikaan geessisu komatan.

Tarkaanfiin dippilomaasii ol’aanaan kun kan fudhatame yeroo ho’i siyaasaa Lixa Eeshiyaa keessatti ol ka’aa jiruu fi dhiibbaa weerarri Ameerikaa fi Israa’el Iraan irratti geessiseen naannichi balaa guddaa keessa jirutti yoo ta’u, kunis dhimmichaaf xiyyeeffannoo addaa idil-addunyaa kenneera.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *