Aanaa Walmaraatti himatamaan dhaddacha gubbaarratti dhukaasa bane Abbaa Seeraa dabalatee namoota lama ajjeese.

OFM:Waxabajjii.05/2026.Godina Shawaa Lixaa, Mana Murtii Aanaa Wal Maraatti himatamaan dhaddacha irratti dhukaasa bane Abbaa Seeraa Dhaddachaafi nama tokko ajjeesuu Biiroon Abbaa Alangaa Oromiyaa ibseera.

Obbo Geetaachoo Xaasoo, Biiroo Abbaa Alangaa Walii Galaa Oromiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Koomunikeeshiniifi Qunnamtii Ummataa, Aanaa Wal Maraatti dhaddacha irratti murteef kan dhiyaatee ture himatamaan tokko, rasaasa dhukaaseen Abbaa Seeraa dhaddacha gaggeessaa turan Aadde Warqee Fakkansaa lubbuu isaanii galaafatuu himan.

Akkasuma dabalataan haadha warraa isaa duraanii dhaddacha kana irratti waliin dhiyaatanis rasaasa dhaddacha kana irratti dhukaaseen battala ajjeesee, namoota lama akka galaafate Obbo Geetaachoo Xaasoo himaniiru.

Obbo Geetaachoon haala taatee muudate yoo ibsan, himatamaaniifi haati warraa isaa duraanii falmii qaban turan jedhu.

“Kanaanis falmii kanaan diiggaan gaa’ilaa erga raawwatee booda falmii qabeennaa kan qaban yoo tahu, itti fufees falmiin taasifamee murtiidhaaf mana murtiitti akka dhiyaateedha odeeffannoon ”jiru.

Obbo Getaachoon “Guyyaa Kaleessaa kamisa Waxabajji 04/2026 Abbaan Seeraa Dhaddacha irratti murtee qabeennaa yeroo ifoomsanitti himatamaan kun shugguxii qabatee dhaddacha seenuudhaan haadha warraa isaa duraanii, akkasumas Abbaa Seeraa dhaddacha gaggeessaa turan irratti kallattiin dhukaasee” jedhu.

Haati warraa himatamaa kana irraa gaa’ela hiikkatte, kan dhaddacha kana irraa murtee qabeennaa eeggataa turte battalumatti lubbuun isii darbe.

Akkasuma Abbaan Seeraa Dhaddachaa Aadde Warqee Fakkansaa Tajaajila Yaalaa ariifachiisaa argachuuf osoo mana yaalaa geeffamanii lubbuun darbuu Biiroo Abbaa Alangaa Walii Galaa Oromiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Koomunikeeshiniifi Qunnamtii Ummataa Obbo Geetaachoo Xaasoo himaniiru.

Namni balaa kana geessise duraan miseensa poolisii soorama bahe tahuu kan ibsan Obbo Geetaachoon, innis wayita ofii isaarra miidhaa geessisuuf jedhetti qaamota seeraan to’annaa jala oolfamee amma mana yaalaatti hordoffii fi yaalaa fudhataa jiraachuu himan.

Comments (0)

Your email address will not be published. Required fields are marked *